Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ergamaan Addaa Yuunayitid Isteets Prezidaantii Eertitaa Wajjin Wal Argan


Ergamaan addaa yuunayitid isteets Jeffrey Feltman daawwanaa afrikaa keessatti gochaa jiranii prezidaantii biyya Eertitaa Isaayyaa Afeworqii wajjin wal arganii maryachuun isaanii beekameera.

Ministeerii dhimma alaa Eertiraa Yemaanee Gebree Meskel tooraa tiwuuterii isaanii iraatii akka ibsanitti, marii saa’atii 4 fudhatee kana irrattii Isaayyaas Afeworqii rakkina gaanfaa afrikaa keessa jiru hiikudhaaf Ameriikaa wajjin ojjachuudhaaf fedhii qaban agarsiisaniiru jedhaniiru.

Amabaassader Feltmaanis karaa isaaniitiin yaadaa Amerikaan rakkina gaanfaa afrikaa hikuudhaaf qabdu ibsuun isaan himameera.

Karaa biraatii Assoosheetid prees amabaasader Feltman hidhaa laga abbayyaa irratii rakkina sudaaniif Itiyoophiyaa giduu jiru irrati dubbachuudhaaf haangahoota sudaanii wajjin Jimaata akka wal argan gabaasera.

Ministeerrii dhimmaa alaa biyya misir Saamii Shukurii gama isaaniitiin ibisa kennaniin, ambaasader Feltmann dhimma hidhaa lagga abbayyaa irrati qondaaltota misirii wajjin akka dubbatan ibsaniiru jedhameera.

Jeffrey Feltman Dawwannaa guyyoottan lammaa keesatii General Abdul Fattah al Siisiitiif mumicha ministeeraa Sudaa Abdallaa Hamdookii wajjin, akkasumas ministerotaa dhimmaa alaatiif masinoo wajjin akka wal argan himameera.

Ambaasaader Feltman dilbata dhufuu akka Itiyoophiyaa seenanii rakkina biyyootan gaanfaa Afrikaa keessatti mulataa jiruu furuudhaa fedhii biyyii isaanii qabdu hangahoota Itiyoophiyaatiif ibsu jedhameera.

XS
SM
MD
LG