Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abune Maatiyaas Ibsi Isaan Dhiyeenya Kennan Ejjennoo Waldaa Orotodoksii Miti : Muummicha Barreessaa Sinoodoosii Waldattii 


Abune Maatiyaas
Abune Maatiyaas

Muummici barreessaan synoodoosii qulqulluu waldaa Orotodoksii Itiyoopiyaa Abune Abune Yooseef tuuta oduuf ibsa kennaniin ibsi dhiyeenya Abune Maatiyaas kennan kan dhiittaan mirg namaa fi gochi fixiinsa sanyii Tigiraay keessatti raawwate jedhame ejjennoo waldaa keenyaa miti jedhan

Paatriyaarkichi ulaagaa fi qajeelfama aadaa waldatii cabsan. Abune Yooseef akka jedhanitti, siynoodosii qulqulluun dhimma paatriyaarkichaan tuqame ilaalchisee hin mar”anne hanga yoonaas ejjennoo qabaate hin qabu. Hawaasi addunyaa, lammiiwwan biyya alaa as jiran akkasumas mootummaan Itiyoopiyaa yaadi paatriyaarkichaan dhiyaate ejjenoo keenya akka hin ta’in akka hubatan barbaanna jedhan. Siinoodoosii qulqulluun waldaa Orotodoksii Itiyoopiyaa qaama ol aanaa murtii kennu.

Hoogganaan waldaa Orotodoxii Itiyoopiyaa abune ibsa isaan waraansa Tigraay ilaalchisee kennan tarkaanfii Itiyoopiyaan fudhatte kan akkaan qeequ yoo ta’au, akka isaan amananitti fixiinsa sanyii ti.

Abunichi akka jedhanitti “uummata Tigraay fixuu barbaadu.” Viidiyoo mobaayila harkaan baatii darbe waraabamee Itiyoopiyaa dhaa alatti geessameen, Paatiriyaarkiin waldaa ortodoksii Abuna Maatiyaas hordoftoota miliyoonaan laka’amaniif hawaasa addunyaaf akka himanitti kana dura dubbachuuf yaalii isaan godhan ni uggurame jedhan. isaan dhalata Tigiraay.

Viidiyoon kun maxxanfamee kan ba’e walitti bu’iinsi Tigraay keessaa baatilee ja’a qabatee ennaa jirutti. Uummanni kumaan laka’amu lola Itiyoopiyaa fi humnoota michoota isaa ta’aniif kan Tigraay gidduutti kan geggeessamee yoo ta’u falmiin siyaasaa baatii sadaasaa keessa lubbuu galaafate.

Kanneen ijaan argan hedduun dhaabbata oduu APf akka himanitti siiviloota irratti fuuleffatame jedhan.

Abune Maatiyaas akka jedhanitti “maaliif fixiinsi sanyii uummata Tigraay irratti akka labsame hin beeku”. Badii Abune Maatiwoos tarreessan keessaa waldaan kirstiyaanaa manca’eera, namni beelaaf akka saaxilamu ta’eera, saamichis geggeessameera. Balleessaan ture kan uummata Tigraay miti. Addnyaa guutuun beekuu qaba jedhan.

Jajjabinni akka jiraatu eeranii yeroon hamaan kun hin darba jechuu dhaan addunyaan tarkaanfii akka fudhatu gaafataniiru.

Mootumaan Itiyoopiyaa akka jedhutti du’uu siiviilotaatti akkaan gaddee, hoogganoota naannoo Tigraay duraanii himatee jira. Naannoon sun tasgabbaa’aa jiraachuu isaa ibsee kan sababaa dhalattoota Tigraay ta’aniif irratti fuuleffatame jedhan garuu haalee jira. haa ta’u malee kanneen ijaan argan dhaabbata oduu APf akka ibsanitti reef namaa daadnii irratti argama, dhalattoonni Tigraay

Gama biraan Itiyoopiyaatti ambaasaadderri Yunaayitid Isteetis Geeta Pasi Abune Maatiyaasiin mana ofiitti afeeranii jiran. Lamaanuu haala Itiyopiaa keessaa, ibsa isaan dhiyeenya kennan dabalatee keessumaa rakkoo namoomaa Tigraay keessaa irratti mari’atanii jiran. Gara fuula duraatti illee marii amantiiwwan gidduutti embasichatti geggeessamu irratti arrgamanii daran haala jiru hubachuuf marii isaanii akka itti fufan affeeranii jiran.

XS
SM
MD
LG