Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis Maatii Aaddee Abbabachi Goobanaa Daawwatan


Faayilii - Ijoollee dhaabbtai Daa’immanii Abbabachi Goobanaa keessatti guddifaman,
Faayilii - Ijoollee dhaabbtai Daa’immanii Abbabachi Goobanaa keessatti guddifaman,

Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis, maatii aadde Abbabachi Goobanaa, ka torban kana keessa boqotanii daawwachuun jajjabeessanii jiran.

Aadde Abbabachu Goobanaa, bara jireenya isaaniitti daa’imman haadha-aabbbaa hin qabne kumootatti lakkaawaman guddisuutti ka beekaman yoo tahu, kan isaan hundeessanii fi geggeessaa turan Dhaabbatni Guddisa Daa'immanii Abbabach Goobanaa waggoottan 41 darbanitti dargaggoota kuma 100 oliif leenjii ga’umsa ka kenne tahuun himamee jira.

Dargaggoota dhaabbata kana keessatti leenjii fudhatan keessaa dhibba irraa harki 65 dhaabbatoota mootummaa fi ka mootummaa hin ta’iin adda addaa keessatti miindeffamanii kan hojjechaa jiran yoo ta'u, harki 15 ammoo hojii ofisaanii uummatanii hojjechaa jiru jedhan itti gaafatamaan qunamtii Ummata dhaabbatichaa obbo Yitbaarak Takkaallinyi.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:25 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG