Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaaliin Fonqolcha Mootummaa Sudaan Fashaluu Waraanni Biyyattii Beeksise


Ministrii Odeeffannoo Hamzaa Balowul ibsa yeroo kennan
Ministrii Odeeffannoo Hamzaa Balowul ibsa yeroo kennan

Angawoonni Sudaan bara 2019 Omar al-Bashir aangoo irraa kaafamanii qabee kan biyyattii bulchaa jiru gumii siviliif waraanaaf rakkisaa kan ture yaalii fonqolcha mootummaa fashalsiisuu isaanii angawoonni Sudaan beeksisanii jiru.

Miseensa sivilii kan gumii sanaa kan ta’an tokko Rooyitersiif akka himanitti, yaaliin fonqolcha mootummaa halkan edaa erga taasisamee booda to’annaa jala ooleera jedhan. Dubbi himaa gumichaa kan ta’an Mohamed Al Faki Suleemaan akka jedhanitti qorannaan shakkamaa sana irratti geggeessamu eegaluuf jedha.

Qaamni biyya bulchu kun erga al Bashir aangoo fonqolchamanii qabee walii galtee aangoo qooddannaa laaffataa ta’een Sudaaniin hoogganaa jira. Bara 2014tti filannoo geggeessuuf illee karoorsee jira.

Waraanni biyyattii yaalii fonqolcha mootummaa sana guutummaan to’achuu isaa hoogganaan gumii waraana biyyoolessaa, Jeneraal Abdelfattaa Burhaan dhaabbata oduu mootummaa SUNAf ibsaniiru.

Maddeen mootummaa of utuu hin beeksisin ibsa kennan akka jedhanitti yalaiin fonqolchaa sun tattaaffii radio mootummaa kan laga Nile gama fuullee Kaartuum jiru Omdurman keessaa to’achuu illee of keessaa qaba ture.

Kanneen ijaan argan akka jedhanitti murna waraanaa kanneen gumichaaf amanamoo ta’an riqicha Kartuumii fi Omdurmaniin wal agarsiisu taankiitti gargaaramuu dhaan har’a ganama cufanii jiran. Yaaliin fonqolcha mootummaa garee al-Bashiriif amanamoo ta’aniin geggeessamee angawoota yeroo ce’umsaaf qormaata ta’e isa jalqabaa akka hin ta’iniif kana duras yaalii wal fakkaatu fashalsiisuu isaanii angawoonni dubbatanii jiran.

XS
SM
MD
LG