Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajajaan WBO-Zoonii Kibbaa Duraanii Gollichaa Dheengee Karaa Nagaa Qabsaa’uuf Murteeffachuu Isaanii Beeksisan 

Ajajaan riphxee-loltoota Mootummaan “Shanee” jedhee waamu, isaan ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun of waamatti ajajaa Zoonii Kibbaa ka turan, Goollicha Dheengee, karaa nagaa qabsaa’uuf murteessuu isaanii beeksisuun isaanii himamee jira.

Goollichi, waliigaltee dhiheenya WBOn Adda Bilisummaa Uummata Tigraay, ABUT wajjin hojjachuuf tolfate mormuun murtoo kanarra ga’uu isaanii beeksisan.

Aangawoota Mootummaa Dirree Xayyaaraa Booleetti arganuun Goollicha simatan keessaa tokko ka tahan dubbi-himaan mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa, “Mootummaan murtoo Goolichaa gama gaarii isaan ilaala” jedhan.

Hooggantoota Waraanaa Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan “Shanee” ittiin jedhu dhimma kana irratti akka yaada isaanii nuuf kennan gaafachuuf carraaqqiin goone ammaaf hin milkoofne.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Ajajaan WBO-Zoonii Kibbaa Duraanii Gollichaa Dheengee Karaa Nagaa Qabsaa’uuf Murteeffachuu Isaanii Beeksisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:05 0:00

XS
SM
MD
LG