Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Eertraa Uggura Prezidaant Joo Baayiden Kaa’an Cimsee Morme


Pireezdaantii Eertraa, Isaayaas Afewarqii (Suuraa faayilii)
Pireezdaantii Eertraa, Isaayaas Afewarqii (Suuraa faayilii)

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Bayaiden mootummaa Eertraa fi Itiyoopiyaa irra uggura kaa’uuf murtii isaan murteessan mootummaan Eertraa Sambata darbe Fulbaana 18 bara 2021 ibsa baaseen cimsee mormee jira.

Mootummaan Yunaayitid Isteetis, mu’inatti weerara kan geggeessee fi daa’immanii fi dubartoota Tigraay akka qabsiisaatti fudhatee gaa dukkanaatti oofaa kan jiru TPLF qeequu manna, TPLFn oolchuuf jecha adeemsa inni hordofee jiru seenaan dhiifama gochuufii kan hin dandeenye gocha haqaan alaa ti jechuu dhaan mootummaan Eertraa balaaleffateera.

Murtiiwwan Yunaayitid Isteetisii fi gamtaa Awrooppaan darbanii fi tarkaanfiiwwan fudhataman walabummaa maqaa biyyootaa fi uummataa akkasumas ol aantummaa biyyaa hadheessuu dhaan sodaachisanii amansiisuuf kan dirqisiisan waan ta’ee fi seeraan fudhatama hin qabu jechuu dhaan mootummaan Eertraa ibsa baaseen murtii Joo Baayiden

XS
SM
MD
LG