Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Rwaandaa Kan Shororkeessummaan Himataaman Hidhaan Waggaa 25 Itti Murtaahe


Faayilii - Pawul Risasabagiinaa mana hidhaa yeroo geeffamu, Fulbaana 25, 2020
Faayilii - Pawul Risasabagiinaa mana hidhaa yeroo geeffamu, Fulbaana 25, 2020

Manni murtii ol aanaan Ruwaandaa, kan mootummaa Ruwaandaa shororkeessummaan himate Pawul Risasa-bagiinaa fi kanneen biroo 20 irratti adeemsa seeraa jalqabee jira. Rusesabaginaa, kan fiilmii Hotel Rwanda jedhu keessatti mul’ifamee fi sababaa hojii namoomaa ennaa fixiinsa Ruwaandaa bara 1994 hojjeteef jecha Hagaya bara 2020 utuu biyyattii dhaa baqataa jiranii Rwaandaatti deebisaman.

Isaanii fi kanneen biroon 20 ta’an kan mootummaan shororkeessummaan himatu garee FLN jedhamu garee milishaa waliin hariiroo qabu jedhamuu dhaan himannaalee yakkaa 13n himataman. Rusesabaginaa himannaa dhiyaate halee jira.

Gabaasaaleen New Times akka tuqanitti, abbootiin alangaa Rusesabaginaa hidhaa umurii guutuun akka adabaman kan gaafatan yoo ta’u himatamtoota kanneen borii irrattis adabi adda addaa akka darbu gaafatanii jiran.

Adeemsi murtii har’aa kan dhaga’ame, ennaa abbootiin alangaa ergaa WhatsApp, kan kan bilbila Rusesbaginaa irraa argame ifa taasisanitti. Ergaa sana keessaa tokko waa’ee dhukaatotaa, misaayilotaa fi boombii harkaa dabalaee meeshaa waraanaa ka biroo bituu dabalata.

Rausesa-bagiinaan hidhaa waggoota 25n adabamanii jiran.

Kate Gibson abukaalee Rusesa-bagiinaais keessaa tokko yoo ta’an Jeneva irraa VOAf akka ibsanitti adeemsi seeraa har’aa isa kamiinuu haa ta’u maatiin Rusesa-baginaa fi maatiin isaanii yakka ilaalchi har’aa ulaataa murtii haqaa sadarkaa hin guunne jechuun xumura itti godhaniiru jedhan.

XS
SM
MD
LG