Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Gaanaa waa’ee demokiraasii Lixa Afrikaa dubbatan


Perezidaanti Gaanaa Naana Addo Dankwa Akufo- Adoo, walgahii Mootumootaa Gamtoomanii irratii haasaa yeroo godhan
Perezidaanti Gaanaa Naana Addo Dankwa Akufo- Adoo, walgahii Mootumootaa Gamtoomanii irratii haasaa yeroo godhan

Walgahii Mootumootaa gamtoomanii irratii qaamaan argamuudhaan haasaa kan taasisan Perezidaantin Gaanaa Naana Addo Dankwa Akufo- Adoo waggoottan lamman darban keessattii Diimokiraasii irratti hookkorii raawwatamuu isaa Adduunyaa akka ragaa bahaa jiru dubbataniiru.

Akka Akufo- Adoo jedhanitti fonqolchii aangoo loltootaan Giini fi Maalii keessatti taasifame tuffii bulichiinsaa dimokiraasii irra kan ka’eedhaa.

Dura taa’aa garee biyyoottan Afrikaa lixaa/ ECOWAS kan ta’an Prezidaantiin Gaanaa, karaa ECOWASn warren Giinii keessatii Fonqolchii raawwatan irratti miseensummaa biyyatii Uguruu iraa kaasee tarkaanfiin adda addaa fudhatamuu isaa ibsanii ECOWAS mootummaa Demokiraatawaa ta’e dhaabuu irratti fedhii inni qabus dubbataniiru.

Maalii keessatis kana dhaabatee jiru mootummaan yeroo akka yeeroo dabalataa dheeferatu ECOWAS akka wal galteedhaaf qophaawaa hin taane kan ibsan Maalii gara demokiraasiitti deebisuudhaaf Guyyaan kenname Onkoloessa 29 /2021 darbuu akka hin qabnee kan ibsan Akufo- Addo Afrikaan Akka miseensaa biyyoottan Dureeyii 20n/G 20 taatee galmooftu gaafataniru.

XS
SM
MD
LG