Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonii 350,000 qe’ee isaanii irra buqqa’an Walloo Kibbaa keesaa qubatanii jiru jedhame


Faayilii - Namoota qehee irraa buqahani Dasee keessatti qarqaarsa nyaata kennamu yeroo fudhatan, Hagayya 23, 2021
Faayilii - Namoota qehee irraa buqahani Dasee keessatti qarqaarsa nyaata kennamu yeroo fudhatan, Hagayya 23, 2021

Sababa wal waraansa Kaabaa Itiyoophiyaa keessatti deemaa jirun kan ka’e Zoonii Walloo Kaabaa fi Kibbaa , zoonii Waag Himraa, fi Affaar irraa buqqa’anii naannoo magallawwan Dassee, Kombolchaa fi Hayiq keessa namoonni qubataan 350, 000 akka ta’an hanga’ootaa zoonii Walloo Kibaa waabeffachudhaan gabaasinii Masfin Arraagee Dassee irraa qindeesse ibseera.

Itti gaafatamaan Ittisa balaa fi wabii midhaan nyaataa Zoonii walloo kibbaa kan ta’an Obbo Masaay Maaruu akka ibsanitti, Walloo kaabaa Aanaa 11 fi magaalota 8 keessaa, Soqoxaadhaa fi Naannoo Affaar Zoonii 4 keessaa wal waraansa baqachuudhaan namoottan buqqa’an kanaaf amma ammaatii gargaarsii kan taasifamuu danda’ee namoottan 250,000f qofa.

Namoottan bu’qan kun caalaan isaanii manoota firaa fi ofii isaanitii maneen kireeffatan keessa yemuu jiraatan namoottaan 10, 000 ta’anif imoo mannoottan baruumsaa 22 akka bakka qubannaatti qophaa’efi gargaarsii kennamaafii akka jiru gabaasameera.

Haa t’au malee gargaarsii Mootummaa fi dhaabbata fannoo Diimaa aduunyaatin taasifamaa jiru yemmuu hedduumina namoottan gargaarsa barbaadaniin wal bira qabamee ilaalamuu gahaa akka hin taane haanga’onii Zoonii Walloo kibaa ibsuu isaanii gabaasinii Masfin Araagee ibseeraa.

XS
SM
MD
LG