Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Al Shabaab Ajjeechaa Gaazixeessaa Somaaliyaa Beekamaa Biyyattii Tokkoof Itti Gaafatama Fudhate


Sirna aawwaalchaa gaazexeessaa Abdiaziz Mohamud Guleed dura hoggantoonni amantii fi gaazexeessitoonni yeroo salaatan Sadaasa, 21, 2021.
Sirna aawwaalchaa gaazexeessaa Abdiaziz Mohamud Guleed dura hoggantoonni amantii fi gaazexeessitoonni yeroo salaatan Sadaasa, 21, 2021.

Somaaliyaa keessaa gareen leellistoota Al-Shabaab ajjeechaa daayiriktera raadiyoo mootummaa kan Moqadishoo kan ta’e, gaazixeessaa lammii Somaaliyaa Abdiaziz Mohamud Guleediif itti gaafatama fudhate. Abdiaziiz sambata darbe mana nyaataatii utuu gad ba’aa jiru boombii of wareegaan ofitti dhooseen ajjeefame.

Gareen mirga gaazixeessotaaf falmu CPJn Somaaliyaan biyya ajjeechaan gaazixeessotaa furmaata keessatti hin arganne addunyaa irraa ishee duraa ti jedhee jira.

Muummichi barreessaan waldaa gaazixeessota Somaaliyaa Abdallaa Mumiin VOAf akka ibsanitti kan ajjeefame Guleed nama beekamaa ture, sababiin isaas sagantaan raadiyoo isaa kanneen waraana somaaliyaa biyyoolessaa fi humnootii nagaa eegsisan gananii al-shababitti makaman akkaan qeeqa waan tureef jechuu dhaan odu gabaasaa VOA James Buttyf ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG