Gareen hidhattootaa “Waraana Bilisummaa Oromoo” of waamuu fi mootummaan “ABO Shanee” jechuun waamuu, naannoo Kibbaa, aanaa Amaarroo keessa kanneen jiran gandeen sadii keessaa namoota sadii ajjeesuu dubbatu, jiraattoota VOAtti. Haleellichi hammaatee itti fufee jirallee jedhan.
Mootummaan Oromiyaa gama isaan tarkaanfii fudhataa akka jiru ibsee jira. Dubbi-himaan WBO torban tokko dura haleellaalee akkanaa gareen keenya hin raaw’atu, oduu dharaa ti, jedhee ture.