Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaydiin Raashaa Irra Ugguura Ka’an


Prezidaanti Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin
Prezidaanti Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin caasaa maallaqaa kan biyyoota gama dhiyaa keessaa Raashaa baasuun, baankiwwan gurguddaa Raashaa irra ugguura ka’anii jiru. Kunis Raashaan seera addunyaa cabsuun Yukreeniin weeraruu waan jalqabdeef deebii kenname jedhamee jira.Lammiwwan Yukreen haleellaa Raashaan irraan ga’uuf jirtuuf qophaa’aa yeroo jiran kanatti, prezidaant Baaydiin immo rakkaa kana ilaalchisee dubbachuun, kanaafis prezidaantii Raashaa Vlaadmiir Putiin balaaleeffatanii jiru.

Afrikaa Keessatti Hirmaannaan Raashiyaa Dabaluun Qalbii Biyyoota Lixaa Hawataa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:34 0:00

Kun jalqabbii weerara Raashaan Yukreen irratti gaggeessituu ti. Kunis akkuuma Putiin kana gochuuf gumii biyya isaa bulchuu keessatti seera tumtoota ehama gaafate sanatti gaggeeffame.

Ugguura marsaa duraa ka’ame kunbaankiwwan Raashaa Lamaa fi hogganoota daldalaa beekamuu kanneen dhiibbaa siyaasaa gochuu danda’an irratti akkasumas tarkaanfii biroon fudhatamu Prezidaant Baaydiin labsanii jiru.

Liqaa maallaqaa Raashaan fudhatte irratti, ugguura walii galaa hojii irra olchiina.Kana jechuunis, mootummaa Raashaa caasaa maallaqaa biyyoota gama dhiyaa keessaa kunnee jirra.

Kana jechuun jedhan Baaydiin, Biyyoota gama dhiyaa keessaa maallaqa argachuu akkasumas, gabaa keenya irratti ykn gabaa warra Awuroopaa irratti liqaa haaraa argatuun daldalachuu hin danda’uu jedhan.

Gama kaaniin Jaapaan fi Awustraaliyaan Raashaan tarkaanfii Yukreen irratti fudhataa jirtuu kanaaf, ugguura ka’uun Amerikaa, gamtaa Awuroopaa, Kaanaadaa, fi Jarmaniitti dabalamuu isaanii Robii har’a beeksiisan.

Weerara prezidaantiin Raashaa Vlaadmir Putiin gaggeessan akka hin hammaannee ittisuuf jecha, uggurri kana caalaan hatattamaan hojii irrakka ooluuf, ministeerrii hajaa alaa Yukreen Dimeetro Kuleebaa gaafatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG