Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Yukireeniin Weerartee Torban Tokko Booda hoogganoonni Yukireen Ofitti Amantaa Qabaachuu Ibsaa Jiran


Raashiyaan Yukireeniin Weerartee Torbn Tokko Booda hoogganoonni Yukireen Ofitti Amantaa Qabaachuu Ibsaa Jiran
Raashiyaan Yukireeniin Weerartee Torbn Tokko Booda hoogganoonni Yukireen Ofitti Amantaa Qabaachuu Ibsaa Jiran

Yukireen erga Raashiyaan biyyattii weerartee torban tokko lakkoofsistee jirti. Humnoonni Raashiyaa magaalaalee gurguddoo yoo ennaa haleelanitti lakkoobsi baqattoota Yukireen keessaa dheessanii miliyoona tokkoo ol ga’ee jira.

Haleellaaleen Raashiyaa Kaarkiiv, Cherniiv fi Mariiupool irratti raawwatamanis, ministeerri ittisaa Briteen kamisa har’aa akka jedhetti, martinuu to’annaa Yukireen keessatti hafaniitu. Kan ifa hin ta’in jiru haala Keersen ture. Loltoonni Raashiyaa gamas waan turaniif jecha eenyutu to’atee jira inni jedhu falmsiisaa ture.

Prezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy ibsa gama viidiyoon kamisa har’aa ganama kennaniin akka jedhanitti, nuti uummata torban tokko keessatti karoora diinni qabu mancaasee dha. Asitti nagaa hin qabaatan. Nyaata hin argatan. Asitti yeroo calliinsaan jiraatan hin qabaatan jedhan.

Ministeerri ittisaa Yukireen Oleksii Rezniikoov weerarri sun utuu hin mudatin dura, Raashiyaan hatattamaan Yukireeniin qabatti tilmaama jedhu tuquu dhaan fuula Facebook iwaanii iratti ennaa barreessan, Raashiyaas haa ta’u warreen gama dhiyaa, torban tokkoof illee waan turru itti hin fakkaanne. Rakkoon fuula duratti haa jiraatu iyyuu malee, Yukireen ofitti amantaa qabaachuuf sababaa ga’aa qabdi jedhan.

Kamisa har’aa itti milkaa’uuf mallattoon jiru xiqqoo ta’us, qaamotii lamaan gidduutti mariin nagaa marsaa lammataa ni geggeessama jedhamee eegama.

Ministriin haajaa alaa Raashiyaa Sergey Larov toota oduuf har’a ibsa kennaniin, humnoonni Raashiyaa caasaa waraanaa Yukireen barbadeessuuf tattaaffii godhan itti fufu, hollaan ishee Raashiyaa waraanaan akka sodaachistu hin eeyamnu jedhan.

Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken akka jedhanitti Yunaayitid Isteetis furmaata gama diplomaasummaa barbaaduuf daandiin ishee banaa dha, garuu Raashiyaan jalqaba dubbii qabbaneessuu qabdi jedhan.

XS
SM
MD
LG