Xurree ittiin seenan

Breaking News

Thaphii Kubbaa Kaachoo Liigii Afrikaa itti fufee jira


Gareen Moorookoo ASD Salii garee Moozaambiik CF Daabeeraa 95 fi 84n moo’ee (Suuraa: BAL).
Gareen Moorookoo ASD Salii garee Moozaambiik CF Daabeeraa 95 fi 84n moo’ee (Suuraa: BAL).

Taphii kubbaa kaachoo Liigii Afrikaa torban lammaan darbe jalqabamee kan warren ramaddii Saahil jala jiranii itti fufee jira.

Dilbataa kaleessaa magaalaa Daakar keessatti gareen Ruwaandaa Inerjii jedhamu garee Giinii Siyaadoo Legaasii Atleetikis waliin taphatee 85 fi 81n moo’era. Gareen Ruwaandaa akka moo’ee bahuu kan gargaare taphataa Jeen Wiikiis Yoosiinuu Mukizaa jedhamuudha. Dhumaa taphichaa irratti kubbaan Taphaatan kun fagoo irraa darbate kaachoo keessaa buuse qabxii Sadii lakkoofsisee gareen isaa akka moo’u taasiseera.

Gareen Moorookoo ASD Salii garee Moozaambiik CF Daabeeraa 95 fi 84n moo’ee jira. Ramaddii Sahaaraa gareen Tuuniziyaa U E Moonaastir Yemuu dursu, gareen Ruwaandaa Inerjiin 2ffaa dha. Siyaadoo Legaasii Atleetkis 3ffaa dha.

Garee Mozaambiki fi Senegaal, Bitootessa 8, 2022
Garee Mozaambiki fi Senegaal, Bitootessa 8, 2022

Garee Tuniziyaa fi gareen Ruwaandaa Amma ammaati tapha taasisaniin ittu hin moo’amin adeemaa jiru. Guyyaa borii gareen Moorookoo A S D Salii garee Tuniziyaa Moonaastirii waliin taphatu. Gareen Yuniversitii Daakaar garee Inerjii Ruwaandaa waliin taphatu.

Taphi kubbaa kaachoo liigii Afrikaa kun ramaddii Sahaaraa fi Naayil jedhamutti qoodamee taasifamaa jiraa . Warren ramaddii Naayil jala jiran tapha isaanii hin jalqabne.

Taphoonii kun martuu karaa marariitii VOA Afaan Oromoo kallatiidhaan darbu.

XS
SM
MD
LG