Xurree ittiin seenan

Breaking News

Zelenskiin Godinni Balaliin Irra Dhorkame Akka Tolfamu Kongresii Ameerikaa Gaafatan


FAAYILII - Xayyaara Raashiyaa
FAAYILII - Xayyaara Raashiyaa

Prezidaantiin Yukireaan Volodymyr Zelenskyy roobii kaleessaa kongresiif haasaa dhageessisaniin, prezidaant Joo Baayidenii fi Yunaayitid Isteetis angawoota

Raashiyaa irra uggura itti dabalaa akka kaa’an akkasumas gargaarsa waraanaa itti dabalaa akka godhamuuf gaafataniiru.

“Safuu Awrooppaa fi kan addunyaaf qabsa’aa jirra, maqaa egereef jecha wareegama lubbuu baasaa jirra. Kanaafi, har’a uummati Ameerikaa, Yukireen qofaa utuu hin taane, Awrooppaa fi adduyaan, dacheen kun itti fuftee seenaa keessati haqa akka mirkaneessituuf gargaaraa kan jiran jedhan.

Zelenskyn irra deebi’uu dhaan Yunaayitid Isteetisiifi michoonni isaanii Yukireen iraa godinaa balaliin irraa dhorkame akka tolchan irra deebi’uun yaadachiisaniiru.

“ kana gaafachuun guddaa dha yoo ta’e, filmaata ka biroo dhiyeessina. Caasaa ofi irraa ittisaa akkamii akka nu barbaachisu beektu. Caasaa farra mmisaayilaa kan S-300 fi caasaa walfakkaataa dha. Uumata keenya, walabummaa fi dachii keenyaaf eegumsa gochuuf xayyaaronni, dandeettiin isaanii aviyeeshinii cimaa gargaaramuuf qaban hagam adda waraanaa irratti murteessaa akka ta’e beektu jedhan.

Prezidaant Baayiden godinaa balaliin irraa dhorkame tolchuun Raashiyaa waliin kallattiin walitti bu’iinsa dhaqqabsiisuu waan danda’uuf durumaanuu fudhatama dhabsiisanis, seera tumtoonni garuu filmaanni ka biroon akka jiru dubbatu.

Ripaablikaantichi seneter Rob Portman akka jedhanitti caasaaleem farra misaayilaa fi farreen xayyaaraa hedduun kanneen milkaa’ina qaban kan akka S-300 jiru. Durumaanuu qabu, akka itti gargaaramanis beeku. Caasaa ofii isaaniif eegumsa gochuuf meeshaa itti dabalaa kan akka misaayila itti dabalaaf ka biroo barbaadu jedhan.

Seera tumtoonni Yunaayitid Isteetis gaaffii Zelenskii kan uggurri itti dabalaa fi daldala alaa Raashiyaa irra uggurri akka kaa’amu gaafatan simataniiru.Prezidaant Baayiden gargaarsa namoomaa fi deggersa waraanaa Yukireeniif akka oolu kan taasisu seera doolaara biliyoona $13.6 kibxata darbe mallatteessaniiru

XS
SM
MD
LG