Xurree ittiin seenan

Breaking News

Murtii Dhimma Tigraay Irratti Kenname Paartileen Siyaasaa Attamitti Ilaalan? 


FAAYILII - Walgahii Paartii Badhaadinaa
FAAYILII - Walgahii Paartii Badhaadinaa

Dhimmi Tigraay karaa nagaan furuuf paartiin Badhaadhinaa murtii dabarse kan deeggeran ta’uus akkaataa hojii irra itti ooluu kan ilaaleen gaaffii kan qaban ta’u paartileen mormiitootaa ibsanii jiru.

Durumaanuu akki itti wal waraansatti itti seename dogoggoora kan ture ta’u kan ibsan dura ta’an kongreesa Federaalawaa Oromoo profeessar Mararaa Guddinaa ammas ta’u furmaanni karaa nagaa hojii irra oluu qaba jedhan.

Itti aanaa dura ta’an paartii Aranaa Obbo Gooytoom Tseegaay gama isaaniin murtiin kenname hatattamaan hojii irra akka oolu gaafatanii garu hojii irra olfama isaa irratti shakkiin qaba jedhan.

Izeemaaf itti gaaftamaa dhimmi jaarmayaa kan ta’an Obbo Waasiihuun Tasaayee murtii dabree kan deggeran ta’uus ba’iin duula waraanaa ituu hin beekamiin jijjirraa ejjenaa taasiifame jedhan hin fudhadhu jedhu.

Gabaasa Keeneedii Abaataa Finfinnee irraa erge caqasaa.

Murtii Dhimma Tigraay Irratti Kenname Paartileen Siyaasaa Attamitti Ilaalan?
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:06 0:00

XS
SM
MD
LG