Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummoonni Liibiyaa Keessaa Gara Sabatiinsaatti Deemuu Malu: Tokkummaa Mootummotaa


Mootummoonni Liibiyaa Keessaa Gara Sabatiinsaatti Deemuu Malu: Tokkummaa Mootummotaa
Mootummoonni Liibiyaa Keessaa Gara Sabatiinsaatti Deemuu Malu: Tokkummaa Mootummotaa

Danqaan siyaasaa Liibiyaa keessaa kan yeroo ammaa gara sabatiinsa dhabuu fi mootummaan lama biyyattii keessatti gara uumamuutti geessa jechuun angawaan gameessi tokkummaa mootummootaa tokko kaleessa akeekkachiisaniiru.

Tokkummaa mootummootaatti hooggantuun dhimmootii siyaasaa tattaaffii jaarmiyichi gochaa jiru gola naga eegumsaaf ibsaniiru.

Qaamni hojii raawwachiisu kan Liibiyaa yoo furmaata hin argatin, rakkoo sabatiinsi dhabamuuf biyyattii keessa mootummoonni lama jiraachuutti geessuu mala. Tokkummaan mootummootaa rakkoo kana furuuf tattaaffii guddaa gochaa jira. Filannoonn sun hanga danda’ame hatattamaan akka geggeessamu qaamotii dhimmi ilaallatu bu’uura heeraa irratti akka walii galan kaayyoon keenya.

DiCarlo akka jedhanitti haalli jiru hanga tokko tasgabbaa’aa dha, garuu yaaddoo fi muddamni siyaasaa hammaataa deeme.

Rakkoon siyaasaa Liibiyaa kan boodanaa kan jalqabame, filannoon prezidaantummaa fi paarlaamaa sababaa seera filannoo fi eenyutu kaadhimamaa prezidaantii ta’a falmii jedhuun ta’uun himameera. Lammiiwwan Liibiyaa miliyoona sadii ta’an filannoo irratti hirmaachuuf galmaa’anii jiru.

Bara 2011 erga hooganaan abbaa irree kan yeroo dheeraa Mohammar Gaadhaafiin aangoo irraa kaafamuun ajjeefamanii booda sabatiinsi dhabamuun, lollii fi jiddu seeniiinsi alaa Liibiyaa keessaa hammaatee jira.

XS
SM
MD
LG