Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormii Weerara Raashiyaa Balaaleffatu Naanoo Addunyaatti Geggeessamaa Jira



Mormii Raashiyaa irratti geeggeefamaa jiru keessaa
Mormii Raashiyaa irratti geeggeefamaa jiru keessaa

Mormitoonni kumaan laka’aman Raashiyaan weerara isheen Yukireen irratti eegalte mormuu akkasumas deggersa warra Yukireeniif qaban ibsuuf jecha daandilee naannoo addunyaa irratti ba’anii jiran. Kamisa waaree booda Biraasels keessatti kan wal ga’an deggertoonni Yukireen kanneen 300 ta’an, hoogganoonni gamtaa Awrooppaa fi NATO kannee wraansa Yukireen keessaa mari’achuuf achitti wal ga’an, biyyattiif meeshaa waraana fi jeettiiwwan waraanaa akka dhiyeessn ykn godinaa balaliin irraa dhorkame tolchuu haan daran akka gargaaran gaafataniiru.

"Dursee, hoogganoonni gamtaa Awrooppaa fi NATO hamma danda’ametti Yukireeniif deggersa akka godhan gaafanna. Uggura dinagdee ta’uu mala, meeshaalee waraanaa ykn deggersa maallaqaa ta’uu mala, uggura boba’aa fi gaazii ykn waraana kana injifachuuf kan nu gargaaru kamiinuu ta’uu danda’a jedhan.

Alaabaa Yukireenii fi kan Awrooppaa mirmirsuu dhaan barruulee Yukireeniin deggeran qabatanii hiriirtonni mormii kumaan laka’aman magaalaa galma mootummaa Bulgaariyaa, Soofiyaa keessatti kamisa har’aa wal ga’anii ssagalee isaanii dhageessisuu dhaaan deggersa yukireeniif qaban mul’isaniiru.

Baqattoonni lammiiwwan Yukireen kanneen 60,000 ta’an illee hiriira sanatti makamaniiru.

"Yukireen kan iseen gaafattu, sadarkaa maratti deggersa. Jaarmolii sadarkaa addunyaa, biyyootaa, mootummoonnii fi lammiiwwan martinuu Yukireeniin akka gargaaran. Jedhan

Kamisa kaleessaa mgaalaa Mexicotti, leellistoonni mirga namaa kan Amnesty International hiriira mormii kan farra weeraraa embasii Raashiyaa fuulleetti geggeessametti makamaniiru. Mexico-tti daayrikterri Amnestii Edith Olivares f

Erret mootummaan Mexico walitti bu’iinsa kana ilaalchisee ejjennoo boodatti harkifachuu inni qabu qeeqaniiru.

As Yunayitid Istees keessaa bulchaan Niw Yoork Kathy Hochul hojjettoonni mootummaa gamoowwan mootummaa hedduu biilsa mana maree, biilsaawwan hooggana ol aanaa fi kan nageenya biyyaa fi waajjiraalee haadhoo tajaajila yeroo hatattamaa dabalatee alaabaa Yukireen akka fannisan ajajaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG