Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tunisiyaa Keessatti Doniin Boba’aa Feetee Dhidhimtee Jirti


Doonii Tunisiyaa zay Ebla 15, 2022 dhidhimte suuraa ishii Sadaasa 12, 2017 kaafamee fi Rostov-on-Don irraa argame, Raashiyaa,(Dmitry Frolov/Handout via Reuters)
Doonii Tunisiyaa zay Ebla 15, 2022 dhidhimte suuraa ishii Sadaasa 12, 2017 kaafamee fi Rostov-on-Don irraa argame, Raashiyaa,(Dmitry Frolov/Handout via Reuters)

Tunisiyaa keessatti doniin zayiita boba’aa tonii kuma tokko fe’e deemaa ture bishaan biyyatti keessatti eega dhidhiimee booda, faalama qilleensa naannoo dhaqqabuu malu ittisuu irratti gargaarsa kennuu kan fedhu waliin kan hojjatu ta’u beeksisuu ishee ministriin ittisaa ka biyyatti Dilbata kaleessaa beeksisee jira.

Doniin kun Jimaata dabree Iquaatoriyaal Ginii irraa kaatee Maaltaatti qajeelaa kan turtee yoo ta’u, magaalaa handaara galaanaa Geebs jedhamu dhaqqabuuf kilo meetra 11 lafa hafeetti bishaaniin liqiimfmte.Humnii galaana Tunisiyaa gaaffii na dhaqqabaa isa ga’een hojjattoota Donicha irra turan 7 baraarsuu danda’ee jira.

Gareen Ogeessoota ooguma addaa qabanii galaana keessa seenuun yoo boba’an kun dhimmisuu jalqabeera ta’e ilaalaa jiran.

Ministeera Geejiiba biyyatti kan ta’an Raabiii Majidii Dilbata kaleessaa tuuta oduuf ibsa ennaa kennaniitti Donii sana irraa wanni dhangala’aa jiru akka hin jirre mirkaneessan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG