Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Meeriipool Harka Eenyuu Jirti? 


Aara warshaa sibiilaa Azovstal keessaa mullatu, Meeripool, Yukireen, Ebla 18, 2022
Aara warshaa sibiilaa Azovstal keessaa mullatu, Meeripool, Yukireen, Ebla 18, 2022

Magaalaa Meeripool keessa kannee jiraatan Dilbata kaleessaa haleellaa mana jireenya isaanii diigee jalaa ennaa dheessan reeffa siviiloota hedduu bira darbanii deemaa turan.Humnootiin Raashaa akka jedhanti maagalttu buufata Donii taatee kana guutuummaatti to’achuutti dhiyaachuu dubbatu.

Raashaan Sambata dabree akka jetteetti naannoo magaalatti to’achuu isaanii kan dubbatan yoo ta’u, looltonni Yukreen achitti hafan galaana Azoov achii gad ilaalaa jiru.

Waraannii Yukreen kannen magaala Mariipool keessaa meeshaa akka lafa ka’aniif bellama Raashaan laatteef diddaa kan qaban yoo ta’u, mummichi miniateeraa Yukreen immo, magaalattiin guutuummaan to’annaa humnootii Raashaa jala hin seenne jedhan.

Raaashaan akka jettutti, Sambata dabree kaasee Yukreen looltoota kuma 4 magaalatti keessatti dhabdee jirti.Mootummaan Kiyaav keessaa immo looltonni guutummaa biyyatti keessatti haga ammaatti dhabne, Sanaa gadii ta’uu ibsuun 2500 fi 3000 gidduu ta’u beeksisee jira.Gam lameen kan jedhan kana madda walabaan mirkanii hin arganne.

Rashaan Magaala Mriipool qabachuu jechuun Bufata Donii guddicha kan kutaa Donbaas to’achuu waan ta’uuf tarsiimoo qabeessa ta’uun beekamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG