Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Beela Biyyootii Afriikaa fi Yemen Mudatetti Duuluuf Deggersa Doolaara Miliyoona 100 Kenne


Tokkummaan Mootummootaa Beela Biyyootii Afriikaa fi Yemen Mudatetti Duuluuf Deggersa Doolaara Miliyoona 100 Kenne
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:43 0:00

Tokkummaan mootummootaa Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa Naayijeeriyaa, Keeniyaa fi Itiyoophiyaa akkasumas Yaman keessaa uummata miliyoonaan laka’aman kanneen beelaaf saaxilaman gargaaruuf deggersa maallaqaa kan yeroo hatattmaa miliyoona 100 kennuun beekamee jira jechuun Liissaa Shilaayin gabasteetti.

Biyyoota kana torba keessa kanneen jiran uummati miliyoonaan laka’amu, sababaa walitti bu’iinsa waraanaa hongee fi rakkoo dinagdee sababaa COVID-19n hammaateef jecha maatii isaa nyaachisuu hin dandeenye.

Waajjirri qindeessa gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaas, lolli Yukireen keessaa kan dhaqqabsiise daafoo hamaan namoota miliyoonaan laka’aman beelaaf saaxiluu mala jedhee jira.

XS
SM
MD
LG