Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni-murtii Har’a Dhimma Gaazzexeessota ONN Lameenii fi Kanneen Biroo Kudha Shanii Ilaale 


FAAYILII - Gaazexeessaa Oromiyaa Niiws Neetworki(ONN), Dessuu Duulaa, istuudiyoo dhaabbatichaa Finfinnee jiru funduratti Caamsaa 25, 2021

Manni-murtii Waliigalaa Oromiyaa dhaddacha Saarbeet jiru har’a kanneen to’annaa poolisii jala jirna - gaazexeessota Oromiyaa Niwus Neetwork Lameenii fi shakkamtoota 15 kanneen biroo irra-jireessi miseensota ABO fi KFO ta’anii irratti galmee himataa dhiyaate ilaalee jira.

Dhaddacha kana irratti komii himatamtoonni duraan abbootii seeraarratti dhiyeessan ilaalchisee murtee kan dabarse yoo tahu, akka ajaja duraan kennametti himata abbaan alangaa fooyyessee akka haaraatti dhiheessees fudhatee beellama itti-aanu Waxabajjii 30tti qabee jira.

Manni-murtii Har’a Dhimma Gaazzexeessota ONN Lameenii fi Kanneen Biroo Kudha Shanii Ilaale 
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:27 0:00

XS
SM
MD
LG