Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoonni Humnoota Poolisii fi Humnoota Addaa Irratti Haleellaa Raawwatan: Mootummaa Naannoo Amaaraa


Mootummaan naannoo Amaaraa har’a ibsa baaseen hidhattoota farra nageenyaa ittiin jedhe humnoota addaa naannoo sanaa fi poolisii federaalaa irraatti haleellaa raawwatan jedhee jira.

Ibsi sun akka jedhutti kanneen haleellaa raawwatan sun godina Shawaa kaabaa fi godina bulchiinsa hawaasa Oromoon wal daangessan kan jiran aanaalee fi gandeen keessa kan jiraatan namoota nagaa irratti jechuun himate.

Haleellaa meeshaa guddaan raawwatame sanaan namoonni nagaan Shawaa kaabaa hawaasa Oromoo irraa ta’an du’uu isaanii fi qabeenyaa irra miidhaan dhaqqabuu ragaaleen naannoo sanaa argaman ibsaniiru.

Ibsi sun akka jedhutti keessumaa naannolee Efraataa Gidim Axaayee, Sanbatee, Jawuhaa fi Shawaa Roobit keessatti haleellaa humnootiin hidhatan kun raawwatan bifa gosummaa qabsiisuuf uummata naannoo sanaa jiran lamaan gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf yaalii badii geggeessaa jiru.

Haleellaa humnoonni farra nageenyaa banan jechuun ibsi kun tuqe mootummaan yeroo gabaabaa keessatti to’atee kanneen badii dalagan to’annaa jala oolchuuf raayyaa ittisa biyyaa, mootummaa federaalaa fi poolisii addaa naannoo Amaaraa gamasitti bobbaasuu dhaan kan hojjetu ta’uu ibsee jira.

Waggoota shanan darbe magaalaa Axaayee fi naannoo ishee haleellaan yeroo kudhan ta’uu irra ga’uu isaa fi qabeenyaan gubachuu jiraattonni dubbatanii jiran.

Har’a naannoo dhukaasi ture tasgabbiin hangi tokko uumamus gara Finfinnees ta’e Daseetti imalli geggeessamu cufamuu isaa ragaan naannoo sanaa argame ni mul’isa jechuun Mesfin Arage gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG