Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Jimaata darbe magaalaa Finfinnee keessatti, daayreekteera Waajjira Komishinii Dhimma Alaa kan Paartii Koominiistii Chaayinaa Waang Yii waliin kan wal argan yoo ta’u, gama lachuu tumsa biyyoota lamaanii guddisuuf waadaa galaniiru.
Miseensa Biiroo Siyaasaa Koree Giddugaleessaa paartii kpmunistii Chaayinaa kan ta’an Waang, Walgahii 13ffaa Gorsitoota Nageenya Biyyoolessaa fi Bakka Bu’oota Ol’aanaa Nageenya kan gurmuu biyyoota BRICS jedhamanii, Afrikaa Kibbaa Johaannesbarg keessatti gaggeeffamutti osoo deemaa jiranii Itoophiyaa daawwannaa taasisaniiru.
Itiyoophiyaan yeroo rakkoon ishee mudate deeggarsa cimaa Chaayinaan gooteef yoomiyyuu akka hin daganne kan hubachiisan Mummicha Ministeeraa Abiyyi, Chaayinaan michuu guddaa fi amanamtuu ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan yaada misoomaa fi muuxannoo Chaayinaa irraa barachuu, qonnaa fi guddina diinagdee saffisaan of danda’uu galmaan ga’uuf, misooma magariisaa fi itti fufiinsa qabu dagaagsuuf fedhii qabdi jedhan.
Waang gama isaaniin, Itiyoophiyaan biyya Afrikaa guddittii dhiibbaa barbaachiisuu qabdudha jedhan.
Chaayinaa fi Itiyoophiyaan akka michuu tumsa tarsiimoo bal’aa ta’anti, kaayyoo fi hawwii waloo kan qaban ta’u, bu’uuraalee kan akka sagantaa Chaayinaan biyyooya Eshiyaa fi Afrikaa wal agarsisuuf qabdu akkasumas ijaarsa Daandii fi Fooramii Tumsa Chaayinaa fi Afriikaa jalatti bu’aa qabeessa ta’e gaggeessuun, barbaachisaa ta’u Waang himaniiru.
Angawaan Chaayinaa kun Jimaata dabree itti aanaa mummicha ministeeraa fi ministeera haajaa alaa Itiyoophiyaa Obbo Dammaqaa Makonnan walinis wal arganii jiru.
Forum