Sababaa rakkoo nageenyaatiin barsiistota qormaata kennuuf deemanii Yuunivarsiitiiwwan naannoo Amaaraa keessatti danqamanii jiran hunda gamasii baasuuf qaama federaalaa fi naannoo dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu Ministeerri Barnoota Ityoophiyaa beeksiseera.
Dhaabbata ministeera barnootaa jala jiru ka Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaaf Daarektara ol aanaa kan ta’an Dr. Isheetu Kebbedee VOAf akka himanitti, ministeerichi qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun barsiisota hunda xiyyaara chaartaraan naannoo Amaaraa keessaa baasuuf hojjechaa jira.
Barsiistonni qormaata kennuuf deemanii yunivarsiitiiwwan naannoo Amaaraa adda addaa keessatti danqamanii jiraan kun gama isaaniitiin, nageenya isaaniif yaaddoo akka qaban ibsaniiru. Dr. Daammenee Mataanaa fi barsiisaan biraa maqaan isaa hin dhahamne VOA waliin dubbatan akka jedhanitti, Yunivarsiitii Debremaarikoos keessatti kanneen qormaata kennuuf gamas dhaqanii fi kanneen 500 ta’an, hoteelota tajaajilli daangeffame ykn qaruma hin jirre keessa jiru.
Kana malees, hoteelota keessa jiraatan irraa nyaata bitachuufis hanqinni maallaqaa isaan mudachaa jiraachuu himan.
Lamaanuu mootummaan dafee gamasii akka isaan keessaa baasu waamicha dhiyeessaniiru.
Forum