Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti Taanzaaniyaa Daare Selaam keessatti kan geggeessame mariin marsaa lammataa walii galtee irra utuu hin ga’amiin xumuramuu isaa qaamoliin lamaan Kibxata kaleessaa ibsuun isaanii ni yaadatama.
Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu walitti bu’iinsi jiru dhiittaa mirga namaa hedduu dhaqqabsiisaa kan jiru ta’uu ibsuu dhaan, walitti bu’iinsi sun furmaata karaa nagaa akka argatu irra deddeebi’uun dubbataa turuu isaanii kan ibsan waaltaaleen mirgoota namaa, mariin Taanzaaniyaa walii galtee male xumuramuun nu yaaddesse jechuu dhaan Sagalee Ameerikaaf ibsaniiru.
Itti aantuu komiishinerri komishina mirga namaa Itiyoophiyaa Raakeeb Mellesee ibsa VOAf kennaniin, mariin sun bu’aa malee xumuramuun dhiittaan mirga namaa akka itti fufu akkasumas rakkooleen daran akka hammaatan taasisa jedhan.
Marii Taanzaaniyaatti geggeessame sana abdatanii kan turan ta’uu kan ibsan itti aanaa daayirikterri gumii mirga namaa Itiyoopiyaa Tesfaayee Gammachuus milkaa’uu dhabuun marii sanaa daafoo inni fidu akka isaan yaaddesse dubbataniiru.
Kibxata Onkoloolessa 27 bara 2916 qabee mariin marsaa lammataa torban lamaaf geggeessamaa ture utuu walii hin galin xumuramuu isaaf gareen lamaan walii walii isaanii itti gaafatamaa taasisaniiru. Tokko isa kaanitti quba qbuun ibsa qeeqaa kennaniin waa’ee marii sun itti fufiinsa qabaatuu garuu waan jedhan hin qaban.
Innumaa iyyuu mootummaan tarkaanfiiwwan wali irraa hin cinne fudhachuu dhaan dirqama isaa heeraa kan biyya cimsuu nan ba’a yoo jedhu, Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaan mootummaan Itiyoophiyaa ba’ii ofii barbaadeef haala mijeessuu waan dadhabeef, carraan seena qabeessi utuu hin milkaa’in hafe jechuun isaa walitti bu’iinsi sun itti fufiinsa qabaachuu isaa kan mul’isuu dha.
Walitti bu’iinsa sana furuu dhaaf mari’achuu malee filmaati ka biroon hin jiru kan jedhan komishinerri itti aantuun komiishina mirga namaa Itiyoophiyaa Raakeeb Messelee gama isaaniin mariin sun akka itti fufu waamicha dabarsaniiru. Itti aanaa daayirikterri gumii mirga namaa Itiyoopohiyaa Tesfaayee Gammachuus gaamni lamaanuu ammas Marii dhaaf ilaalcha kennuu qabu jedhaniiru.
Forum