Xurree ittiin seenan

Abbaan Gadaa Booranaa Guyyoo Gobbaa dhiyoottuu Abbaa Gadaa 72essoo Kuraa Jaarsootti Baallii Kenna

  • Soraa Halakee

Gadaa Booranaa 71essoon Guyyoo Gobbaa

Abbaan gadaa Booranaa ka qaraa Gadayoo Galgaloo.Raabii Booranaa ka qaraa Yaayyaa Fulleellee.Gadaammojjiin Booranaa ta qaraa Hoolee Bonayyaa.

Gammeen Booranaaa ka qaraa Daawwee Borbori akkana jechaa Gadaan Booranaa adoo garagar hin citin Abbootii Gadaa 72esso geette.

Suniin duratti Boorannii Abbootii Gadaa hedduu bara Gadaa isaanii hin lakkahaminiif qabaate.

Abbootii Gadaa Booranaa
Abbootii Gadaa Booranaa

Gadaa ganna saddeetitti wal irraa fuudhan.Gadaan Booranaa gogeessa (institution) shan qabdi. Baalliin gogessa tokko ganna 40 irra marti.Abbootii Gadaa Booranaa jaha.Gadaan Booranaa sadii, Angafii Gadaa Booranaa ykn Adulaa Fiixeen Booranaa Guyyoo Gobbaa,ka amma Gadaa harkaa qabu kana jechuu.

Gadeen sadeen Booranaa

  • Harboora
  • Hawaxa
  • Koonno

Gadeen sadeenuu yoo Baallii fuutu Garbaa-Meedhicha naqattee hayyuu lallabatti (warra waliin hojjatu filatti).

Dameen gosa Booranaa lamaanuu;Sabboo fi Goona Hayyuu ufi filattee Gadaa waliin hojjachiifatti. Hayyuun Gadaa keessatti bakka bu’aa gosaati.

Maqaan abbootiin gadaa jahaan waliin qaban,Adulaa.

Adulaa Fiixee, itti gaafatama Abbootii Gadaa Booranaati.

Abbaan Gadaa Harbooraa(Abbaa Gadaa Booranaa)Guyyoo Gobbaa

Abbaan Gadaa Hawaxaa(Hawaxxuu)Rooba Jaarsoo.

Abbaan Gadaa Koonnoo(koonnituu)Murquu Jiloo.

Jarii kun cuftii yoo Baallii walumaan fuudhee walumaan kenna.

Ollaan Abbootiin Gadaa qubatan Yaa’a jedhan.Yaa’ii hujii Gadaa hojjachuuf ganna saddeeti keessatti ardaa jilaa hedduu keessa godaana.Godaanna tanaan Gooroo jedhan.Tanaaf yoo hedduu Yaa’ii Gooroo gadaanee ardaa…qubatee ykna ardaa...jiraa jedhan.

Yoo Abbaan Gadaa Baalii fuudhuu/kennuuf qophaa’u nama hedduutti ollaa Abbootii Gadaatti qubata.Quftuma kanaan Odaa Bulan jedhan. Fkn Yaa’ii Odaa bule.

Baallii yoo fuudhan

Baalii yoo fuudhan nama torbatti fuudha.Abbaa Gadaatii fi niitiin isaa Gadaa/ Baallii waliin kennan. Maqaa nama torbaanii ka baallii fuudhuu Torbaan Baalii.

Warrii Baallii fuudhuuf dhufu yoo qahee Abbaa Gadaa gahu magalata afuufaz dhufa.Qophoofatanii gaachuu fakkaatti.

Jarrii Baallii kennulleen eeyee jechuuf magalata afuufa (akeekkachiisa). Magalata kana marroo afur afur warra fuudhuu fi ka kennulleen walti afuufa.

Magalatii duraa ka’aa elmadhaa jechuu.Ka itti aanu bobbaafadhaa(horii nu duraa gorsaa) jechuu.Ka sadeessoo kunoo ya dhiyyaannee jechuu.Ka afreessoo kuno ya asi geennee jechuu.

Yoo Baallii kennan,ka kennu “Hoo baalii” jedha..ka irraa fuudhu ammoo “kenni Baallii” jedha.Hoo Baallii!...kenni Baalii!.

Abbootin Gadaa yoo Gadaa walti dabarsitu walii eebbifti

Ka kennu akkana jedhee ka fuudhu eebbisa:

“Bultuma waliin bullaa, hormaata na dabri!Bultuma na dabri! Quufa na dabri!” jedhee akka Gadaan Abbaa Gadaa haaraa waan cufaan ta Abbaa Gadaa Baallii kennee caaltu eebbisaaf.

Baallii

Abbootiin gadaa ganna saddeeti saddeetitti Baalii walit kenniti. Baallii ji’a Gurrandhalaa keessa wal irraa fuudhan.Yoo ji’ii Baallii wal irraa fuudhan dhiyaatu warrii Baallii wal irraa fuudhu Gadaa(warra Baalii kennu) fi Doorii (warra baallii fuudhu) haga km shan wal irraa fagaatanii qubatan.

Warrii Baallii kennuu ollaa gama Dhihaa qubataa, warrii Baallii kennu ollaa gama Bahaa qubata.Baallii fuudhanii Bahattiin galan.

Warrii Baallii fuudhu ka Harbooraa(Abbaa Gadaa Booranaa) Adulaa afur, Bokkuu fi makkala(nama abbooti gadaa hujiin gargaaru) walumattu namii torba ykn 14ti.Maqaan jaraa kanaa Torbaan Baalli.

Warrii Baallii fuudhuf dhufu fardaan dhufa.Fardii kun agaloo(bilbila diqqaa mormatti kaahan) qaba.

Yoo Baallii fuudhanii Galachuuniif ka’an

Doorii(warra Baallii fuudhu) adoo warraa Abbaa Gadaatii hin kaanee achuma taa’ee murata.

Murtii isaanii tana namatti jalaa qaba.Fkn “Waaqa Gadaa Yaasi!” jedha. Gadaa harka nu seentee jedhee himachu isaati.

Warrii Doorii yoo Baallii fuudhuu akkana jedhee achiin duubatti farda irra bu'ee warra ufiitti qajeela.

“G.G.G . Gadaa !, Harboora!Abbaa Biyyaa!” jechaa Baallii fudhatee farda irra bu'ee Yaa’a ufii (ollaa abbootii gadaa) tiin qajeela.

Yoo Baallii fuudhanii galan guyyaa gaammachuuti.Guyyaa sadii “Uulmaa” taa’anii alatti hin bahan.

Gammachuuniitti duubatti hujiitti dabaran.Abbootiin Gadaa haarahii hujii jalqabuuf Garba lallabatan(hayyuu fi makkala) nama Abbootii Gadaa hujiin gargaaru filata.

Abbootiin Gada yoo Baalli kennitu Fuloo Yaate jedhaniin.Bara hujii ufii fixattee qahee ufiitti galtee jechuu.

Abbaan gadaa yoo Baalli kenne Abbaa seeraa ta'a.Abbootiin seeraa Booranaa amma jiran lama Liiban Jaldeesaa fi Jilo Aagaa.

Abbootiin Gadaa yoo Gadaa ufi irraa kennan yuubomte jedhan.Yoo Abbotiin Gadaa mataa buufattu Baallii kennitee,yoobomtu lubii itti aanu; raabaa, kuusaa, gammee...tahee jalaa guddachaa oli dhufee itti gaafatama itti aanuuf ufi qopheessa.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG