Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Gadaa Booranaa, Madha Galmaa nama bara jabaa, jaarraa 20essoo keessa Gadaa Boorana badii dhowwee waaan hedduu biyyaaf tahe


Abbaa Gadaa Booranaa, Madha Gamlmaa (1952-1960)
Abbaa Gadaa Booranaa, Madha Gamlmaa (1952-1960)

Abbaa Gadaa Booranaa 63ssoo,Madha Galmaa nama jaarraa 20essoo keessaayyuu Gadaa Booranaa badii dhowwe
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:25 0:00

Hariyaan gobaan dhawatti,nadheen kaarrileen faarsiti,Abbaa Gadaa Booranaa 63essoo, bara 1952-1960 Boorana bulche,Madha Galma Toree waan hedduun himan.Walaloon Itoophiyaa beekamaan Tsaggaayee G/ Madiin,Ilma Galmaa…abbaa Gadaa jedhee faarse. Abbaan Gadaa Booranaa ka ammaa,Kuraa Jaarsoo 72essoo. https://www.voaafaanoromoo.com/a/abaan-gadaa-booranaa-72eessoon-dhiyootuu-baalli-fuudha/3715728.html

Akka galmeen haarahii Laaybireerii addunyaa keessaa dhiyoo arganiitti,Madha Galmii jaarra 20essoo keessa bara 1950,Abbaa Duulaa Raabaa Dooriiti. Gurraacha Dheeraa ila didiimaati akka doktorii ulfinnaa,Borbor Bulee jedhetti.

Abbaan Gadaa Booranaa ka qaraa,Gadayoo Galgalooti. https://oromedia.wordpress.com/abbootii-gadaa-oromoo-booranaa-1458-2025/

Madhaa Galmaa gaafa nugusa Hayilee Sillaaseen Boorana Kirisitinnaa Kaasaa jedhee biyyatti duule Boorana kiristinnaa kaasuu dhowwee irratti dide.

https://www.opride.com/2017/03/08/meet-kura-jarso-new-borana-abba-gadaa/

Hayilee Sillaaseen waan innii dideef gaafahcuuf Finfinneetti yaamee jennaan dhufuu dide.

Waan dideef gaafannaan abbaa wa dhibanitti mana keessa ejaajjaa inninuu ha dhufuu jedhee, didee kiristinnaan taanilleen hanqattee,” jedha doktorii ulfinnaa Borbor Bulee.

Tana maleellee Boorana kiristinnaa kaasisi jennaan,"Booranii ka Raabaa fi Gadaatii, waan Raabaa Gadaa malee Boorana giddeessuu hin dandeennu jedhee dide,Finfinneelleetti yaamanii dhaquu dide,barii sun 1953.”

Dhaloota Madha Galmaa himna Areeroo Boosarootti hime.Galmii Toree,abbaan Madhaa gara Areroo Boosaroo dhaqee akka innnii daballee dhalatteef eebbisee guddisuuf gaafate. "Gaafas Madhii Galmaa eegii dhalatee guyyaa sadii,” jedha aabba Jaatanii Diidaa,I/G/Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Booranaa.

Abbaa Gadaa Booranaa, Madha Gamlmaa(1952-1960)
Abbaa Gadaa Booranaa, Madha Gamlmaa(1952-1960)

Jennaan Areeroo Boosaroo koblee “madhakii Gadaa Madhaa namii maraatee fayyee ka maraachuu didee du’e.Aarii liqimsaa tahee maraataan yuuba biyyaa tahee kun cuftii warra ayyaanaa kana.”

Gaafa Hayilee Sillaaseen akka Guuto Areero keesatti mana amanti jaaran hajaje,Abbaa Gadaa Madha Galmaatti dide.

Tanaan himatanii,Madha Galmaa Hayilee Sillaaseen yaame.

Maaf akka innii akka achitti hin jaarre gaafatanii jennaan akkana jedhe:

“Mataa ufii qabatee ‘Guuto’ Guutuu Booranaati’.Guutuun ammoo milikeeta keenna.Guutu,guutuu tiyya,guutuu tiyya irratti mana hin jaaran jedhee didee,” jedhe jedha aabba Jaatanii Diidaa.

Yoo ammoo ardaa jilaa irraa gorsanii jaaran hin dhowwinuu jedhe achumaan innilleen bahee gale.

Akka aabba Jaataniin jedhetti ,Madha Galmaa,waraguu aadaati.Waraguun nama jabeessee kunuunsu.

Madha Galmaa jabaa Gobaan dhawatan jetti jaarroleen argaa dhageettii.

Duula Madha Gurraachaa bultii dhakaa gurraacha.

Barbaarressa qayyaa,

Barbaara Madha Galmaa,

Areeroo Gufuu Galmaa.

Nadheenilleen Madha Galmaa kaarrileen dhawatti jedha aabba Jaataniin

Jiloo Golee marxaa makkaa tiyyaa

Jiloo doollee diidaa ka sorooroo tiyyaa

Sorooroo Bukkulli Roobii daadhii tiyyaa

Daadhiin duloo bultee Madhii Sakkee tiyya

“Madhii nama guddoo cokhatu.”

Hariyaa Madha Galmaa

Kuuloo Qooyyee,gorsaa fi nama waraanaa ka Madhaan gargar hin baane.

Waan aadaa fi eennummaa Booranaa irratti himatanii Mana Murtii Hayilee Sillaasee geessanii du’a itti muran.

Du’a itti muranii Yirgaalam/Hawaasaa fidanii ‘du’a sitti muranii maan jetta’? jennaan

Hawaasaan gurraa guddoo biraan baanaan lafumaa,

Nugusii gurraa guddaa biraan baanee namuma,

Lubbuun deemtu guddoo, dhuftu diqqoo na ijjeesa jedhe.

Murtii sunilleen woma hin taanee hin gale.Abbaan Gadaa Booranaa,Madha Galmaa nama aadaa fi dhugaan gargar hin baatu jedhu.

Aabba Jaatanii Diidaa aadaan akkana jedha.

  • Aadaan nafaa, nafa ufii abbaati jabeeffata.
  • Aadaan eennummaa
  • Aadaa gooroo qofaa mitii malaa fi marii
  • Aadaan waan lubbuu qabaat
  • Dubbiin ta aadaa,aadaan ta Booranaa jedha.

Akka inni jaarrolee argaa fi dhageettii maqeeffatee jedhetti

Booranii ka dhugaati

Dhugaan ta Waaqaati

Aadaa keessaa jireennaa fi jiruutit jiraa tanaafuu aadaa fi dhugaan gargar hin baatu,jetti jedha jaarroleen.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG