Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaa Kongiresii Federaalawa Oromoo: Harra Addisuu Bullaalaa qofatuu maatiitti gadii bahuu danda’ee


Hoggantoota KFO

Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa, Gurmeessaa Ayyaanoo fi Addisu Bullaalaa akkasumas hidhamtoonni biran mormii nyaata lagachuu ittuma fufaniiru.

Mormii Oromiyaa oggaa darbe keessa jalqabameen walqabatee shororkeessummaadhan himatamanii dhimmi isaanii han reefu murtoon irratti hin kennamnee, miseensonni paartii mormituu Kongiresii Federaalaa Oroomoo mana hidhaa Qilinxoo jiran kun, mormii nyaata lagachuu han jalqaban guyyaa sagal dura haa ta’u malee amma maatii gaafiiwwaan isaan kaasanii deebin kenname hin jiru.

Karaa biraatiin achuma, Finfinnee mana hidhaa Qaalitii han jiru miseensi paartii kana, Obboo Olbaanaa Leellisaa haalli fayya isaa hammachaa dhufuutu himama. Haala hidhamtoota kana, akkasumaas mormii Oromiyaa tibba kanaa laalchisee itti aanaa dura ta’aa Kongresii Federaalaa Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu dubbisneera.

Hogganaa Kongiresii Federaalawa Oromoo: Harra Addisuu Bullaalaa qofatuu maatiitti gadii bahuu danda’ee
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:43 0:00
Xurree marsariitii

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG