All Afican Games dorgommii Afrikaa ganna afur afuriin wal dorgomutu amma guyyaa 8essoo keessa jiranii dorgommiin tun 12essoo.
Atileetota 6,000 Raabat,Morookootti yaa'ee wal wal dhahuutti jira. Dorgommii 26 itti jrian keessaa ispoortiin 17 Olompikii bara 2020 nama qopheessitu.
Masriin medaaliyaa 86 argattee tokeessoo kana keessaa warqii 27 argattee tokkeessoo jirti.
Afrikaan Kibbaa madaaliyaa 51 kana keessaa warqii 23 lammeessoo jirti.
Morookoon amma haga kaleetti medaaliyaa 41 guurrattee, warqii 13,meetii 17 saldaqaa 17 argattee sadeessoo jirti.
Dorgommii tana Hagayya 19 jalqabanii Hagayya 31 dhumattii. Akka komaander Toleeraa Dinqaa jedhetti Itoophiyaan fiigicha M800 -km 21 waliin ispoortii hedduu irratti dorgomti.
Itoophiyaan akka qilleensa lafaa barataniif jettee atileetota fulaa lamatti qooddee ergite.
Koloneel Daraartuu Tulluu kalee atileetota 13 fuutee achiin dabartee jarii kun Jimaata dorgoma.
Dorgommii All Africa Games jedhan tanaan Olompikii Afrikaa jedhaniiyyuu. Baranallee biyya Afirkaa 51tti irratti wal dorgomuutti jira.Waann hardha irrtti dorgomte keessaa tokko fiigihca dhiiraa metirii 10,000.