Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjechaa FLooyids Irratti Ragaan Dhaggeeffatamaa Jira


Ajjeechaa gurraacha lammii Amerikaa Joorj Flooyidiin polisii Adii himatamee kan ilaaleen bakka bu'onni uummataa Wiixata kaleessaa ragaa dhiyaate caqasaa jiru.

Umriin isaa 46 kan ta'e Flooyiids magaala Miniyaapoliis keessatti harka polisootaatti du'uu isaa vidiyoon waraabamee eega agarsisee booda miidhaa polisiin uummata sabxiqqaalee irraan ga'ukan ilaaleen guutuu addunyaa irratti mormii kaasisuun isaa ni yaadatama.

Polisii adiin kun Flooyids irra daqiiqaa 9 jilbeenfatee akka turee fi Flooyids afuura baafachuun dadhabe jedhee ennaa inni dubbatu polisichii immo isatti wacaa akka ture vidiyoon kun agarsiisa.

XS
SM
MD
LG