Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaynamaar Keessatti Ajjeechaan Itti Fufee Jira


Magaala Maynamaar kan taatee Yaanduun fi magaalaalee kanneen biroo keessatti bulchiinsa waraanaa mormuun kanneen har'a hiriiran keessaa namoonni lama ajjeefaman.

Humnootiin nageenyaa kan biyyatti Guraandhala 1 mootummaa fonqolchuun aangoo eega qabatanii kaasee namoota mormuuf hiriiran keessaa siviloota 512 kan ajjeefaman ta'u waldaan hidhamtoota siyaasaa gargaaru ibsee jira.

Uummanni hiriira ba'e kosii guuruun waltajjii daandiilee wal qaxxaa muran kan Yaanguun irra tuulan.

Humnootiin nageenyaa immoo magaala gama kibbaa fi kaabaaa keessatti nama lama ajjeesan.Mootummaan abba irree ajjeechaa siviloota irratti rawwatu hin dhaabuu taanaan tarkaanfii haaloo ba'iinsaa fudhanna jechuun gareeleen riphxee looltoota gosootaa sadii dhaadatanii jiru.

XS
SM
MD
LG