Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Saatalaayitii Tajaajila Tikaaf Gargaaru Furgugguuftee Jirti


Rookkeetti 'SpaceX Falcon 9 ' ergama NROL-85 jedhame qabatee buufata hawaa Vandenbargi irraa gara hawaaa ergamte, Kaalifoorniyaa, Ebla 17, 2022.
Rookkeetti 'SpaceX Falcon 9 ' ergama NROL-85 jedhame qabatee buufata hawaa Vandenbargi irraa gara hawaaa ergamte, Kaalifoorniyaa, Ebla 17, 2022.

Saatalaayitiin basaasaa ykn tikaa kan Yunaaytid Isyeeyes Dilbata kaleessaa hawaatti ergamte jirti. Kunis Rookeeta duraan itti gargaaramaa turan kan maadhee waraanaa Kaaliforniyaa keessa irra deebi’anii gargaaramuun ergan.

Rokeetiin moggaafama maqaa Ze Faalkan (The Falcon) jedhamte kun, buufata humna Hawaa Vandenberg jedhamu irraa Dilbata kaleessaa laftii ituu hin bari’iin dura furguggifamte. Rokeetiin kun Saatalaayitii waajiira faana bu’iinsaa kan waraanaa baattee jirti.

Rookeeta duraan itti gargaaramanii turan imala akkasiif irra deebi’anii gargaaramuuf kun ka duraa ta’u waajirri kun beeksisee jira.

Ergama saatalaayitii kana kan ilaaleen nageenya biyyattiif barbaachiisa jechu bira dabree gad afageenyaan waan ibsamee hin jiru.

XS
SM
MD
LG