Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amnestii Internaashinaal Waa’ee Mirga Dhala-namaa Oromoo Irratti Kolombiyaa Yunivarsitii Keessatti Kora Qopheesse


Amnestii Internaashinaal Waa’ee Mirga Dhala-namaa Oromoo Irratti Kolombiyaa Yunivarsitii Keessatti Kora Qopheesse
Amnestii Internaashinaal Waa’ee Mirga Dhala-namaa Oromoo Irratti Kolombiyaa Yunivarsitii Keessatti Kora Qopheesse

Qindeessitoonni walga’ichaa akka jedhanitti --- Damee Amnestii Internaashinaal, ka Yunivarsitii Kolombiyaatti qineessaa ka ta’an – Nikson Oguutuu fi wahiloota isaanii tu, Yunivarsitii Kolombiyaa, Gurmuulee mirga hawaasummaa, akka “Black Alliance For Justice” fi Koomishina Immigireeshinii yokaan Godaansaa Niwu-York, akkasumas, sagantaa Raadiyoo Oromoo “One Man One Vote” jedhu wajjiin walgargaaruudhaan qopheesse.

Kana cuqaasuun qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Amnestii Internaashinaal Waa’ee Mirga Dhala-namaa Oromoo Irratti Kolombiyaa Yunivarsitii Keessatti Kora Qopheesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:10 0:00

Qindeessitoota keessaa tokko, Damee Amnesty Internatioanl, ka Yunivarsitii Koilombiyaatti, itti-gaafatamaan dhimmoota hatattamaa – TY Kirisen Jooseph, waa’ee mirg dhala-namaa Itiyoophiyaa, keessumaa waa’ee dhiittaa mirga dhala-namaa Oromootti qorachuutti seenuu isaanii dura, waa’ee dhiittaa mirga dhala-namaa Poolisiin Ameerikaa keessatti geggeessuu fi loogii sanyii Ameerikaa keessaa irratti akka qabsaawaa turan, biyyoota akka Kooriyaa, Jaappanii fi Filiipins keessatti hojjechuu isaanii illee dubbatan. Barnootni isaanii, waa’ee jiruu dhala-namaa yokaan Antroopooloojii tahuu ka dubbatan – Mr. Jooseef, booda Itoiyoophiyaa deemanii manneen-barnootaa adda addaa keessatti barsiisummaan tajaajiluu isaanii dubbatu. Akkamitti dhimma mirga dhala-namaa Itiyoophiyaa keessaa qorachuu ennaa jalqabanis akkanatti ibsan. “Gara Amnesty Internaashinaal dhufeen gabaasaa isaan waa’ee Oromoo irratti barreessan arge. Duraanuu wannaa Itiyoophiyaa keessatti deemu nan beekan ture. Caalaatti immoo kun jireenya kootti dhiibbaa guddaa godhe. Mormiileen geggeessamuun, interneetiin cituun, karawwan ugguramuun uummata sodaachise. Uummatni socho’uu sodaate. Garii mormii geggeessamu sodaatee, kaan tarkaanfii mootummaa sodaatee danqame” – jedhu, Mr. Joosef.

Walga’iin waa’ee mirga dhala-namaa uummata Oromoo fi sabotoa Itiyoophiyaa ka biroo har’a Yunivarsitii Kolombiyaa keessatti geggeessamaa jiru, kaayyoon maal akka tahes naaf ibsanii jiran. “Wannaa Itiyoophiyaa keessatti deemaa jiru, wanna oromoo irratti deemaa jiru ifa baasuufi. Ameerikaanonni sababaa adda addaa irraa kan ka’e waa’ee Itiyoohiyaa hubannaa hin qaban. Cunqursaa achitti Mootummaa Itiyoophiyaa ammaa taayitaa irra jiruun geggeessamaa jiru isaan hubachiisuuf carraaqaa jirra” jedhu.

Barataa Yunivarsitii Kolombiyaa fi hojjetaa Amnesty Internashinaal, kan dame Kolombiyaa Yunivarsitii ka tahan – T.Y. Kiristen Jooseef, yeroo barsiisummaan Itiyoophiyaa keessa turanitti, waa’ee uummata Oromoo fi waa’ee mormii Oromoo maal akka hubatan ennaa ibsanis, “waan ani argee hubadhe, uummatni Oromoo aadaa isaa qabatee, guddifatee ittiin jiraatuu fedha. Achii dhufa seenaa isaa illee akkasuma. Wanni kun jaarrotaaf deemaa ture. Yeroo waa’een maaster-pilaanii odeessamuu jalqabee fi kanaan Finfinnee babal’isuuf yaalan achin ture. G lafa Oromootti fagaatanii seenuu yaalan. Kun immoo Afaan Uummatichaa Afaan Oromoo irraa gara Afaan Amaaraatti jijjiira. Aadaa uummatichaa jijjiira. Sirna barnootaa uummatichaa jijjiira. Uummatni Oromoo eenyummaa isaa ibsachuu isaatiif cunqursaa jiru. Waa’ee uummata Itiyoophiyaa keessatti, dhibamaa, cunqursamaa, shororkeessamaa jiruu dubbataa jirra – jedhu, Mr. Yooseef.

Waa’ee mirga dhala-namaa Oromoo fi saboota Itiyoophiyaa ka biroo irratti walga’ii Kolomiyaa Yunivarsitii keessatti geggeessame kana irratti beektonni biyyoota alaa fi kan hawaasaalee Oromoo fi saboota Itiyoophiyaa ka biroo hirmaachuu isaanii dubbatan – Mr. Yooseef. Kanneen ibsa kennan keessaa tokko - hoogganaa Gurmuu deggersa Kongiresa Federaalawa Oromoo idil-Addunyaa – Obbo Nageessaa Oddoo Duubee haasofsiisnee jirra.

XS
SM
MD
LG