Xurree ittiin seenan

Breaking News

Siiriyaan Uummata Kumaan lakkaa’amu Galaafatte: Amnestii Internaashinaal


Siiriyaan Uummata Kumaan lakkaa’amu Galaafatte: Amnestii Internaashinaal
Siiriyaan Uummata Kumaan lakkaa’amu Galaafatte: Amnestii Internaashinaal

Gareen mirga namaaf falmu Amnesty International mootummaan Siiriyaa hidhamtoota kumaan laka’aman ajjeesee reeffa isaanii jamaan walitti qabee awwaale jechuu dhaan yakka waraanaa hamaa fi yakka farra namoomaa raawwate jedhee jira.

Gabaasi sun akka jedhutti bara 2011-2015 giduu yroo jirutti hidhamtoonni 5000 hanga kuma 13 gidduu kan ajjeefaman yoo ta’u manni hidhaa Saydnaya kan dugdee Damascus jiru cufame jedhanii amanuun rakkisaa dha jedhee jira.

Amnestiin akka jedhutti irra hedduun namoota dhumanii siiviloota kenneen mootummaa prezidaant Bashar al-Assad moarman jedhamee amanama. Gabaasi ragaa namoota 80 irratti hundaa’uun barreeffame. Kanneen keessaa waardiyyaalee duraanii, hidhamtoota, abboota murtii fi abukaatooleen keessatti argamu.

XS
SM
MD
LG