Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Tigraay Hidhaman 


FAAYILII - Wajjira muummee ABUT, Maqalee, Tigraay, Fulbaana 6, 2020.
FAAYILII - Wajjira muummee ABUT, Maqalee, Tigraay, Fulbaana 6, 2020.

Aangawoonni Itiyoophiyaa aangawoota gameeyyii bulchiinsa naannoo Tigraay hedduu hidhuun isaanii kan ibsame yoo ta’u kunis miseensoota mootummaa duraanii kan dabalatee ta’u komishinni mirga namoomaa kan Ityophiyaa beeksisee jira.

Komishinar Daani’eel Baqqaala maaliif akka hidhaman akkasumas maqaan isaanii eenyu akka ta’e hin ibsiine. Namoota hidhaman kana keessaa yoo xiqqaate waa’ee namoota saddeeti beekna.Kana malees hangi tokko gara bulchiinsa naannoo Afaarti geeffaman jedhu. Hidhaan akkasii ammaan dura akkaan beekamaa hin turre.

Mootummaan Itiyoophiyaa duraan hogganoota Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF) kanneen mootummaa mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad waraana hidhuun isaa ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG