Gargaarsaa namoomaa fi misoomaaf kan ooluu deggersii Doolaaraa Biiliyoonii 1.39 ta’u biyyoottaan Gaanfaa Afrikaa Sadiif taasisamuun isaa gabasaameeraa.
Gargaarsii guyyaa har’aa taasifamee kun namoottan miiiliyoonii 15 ta’an Itiyoophiyaa, Somaaliyaa fi Keeniyaa keessatti rakkina keessa seenaniif kan oluu yemmuu ta’u balaan hongee biyyoottan kana muudate waggaaootan 40 darban keessaatti isa jalqabaati jedhameera.
Gargaarsii kun kan taasifamee , dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti jaarmiyaan dhimma gargaarsaa namoomaa qindeessu / OCHAn, Gamtaa awurooppaatti jarmiyaan eegumsaa siviilotaa fi gargaarsa namoomaa ECHOn akkasumaas ,bakka bu’onni Somaliyaa, Keeniyaa fi Itiyoophiyaa bakka argamanitti walgahii Jeenevaa keessatti taasifamee irrati.
Maallaqa argame Kanaan Dhaabileen gargaarsa namoomaa, midhaan nyaata atattamaa, nyaatalee qaamaa daa’immanii jabeessan,gargaarsaa fayyaa akkasumaas nyaata beelladootaa fi qorchaa dhiheesuudhaan akka deggersaa taasisan gabaasameera.
Balaa hongee kanaan Somaliiyaa keessatti Namoonni miiliyoonii 6 ol,keeniyaa keessatti namoonni miiliyoonii 3.5 ol, Itiyoophiyaa keessatti namoonii miiliyoonoo 6.5 ol gargaarsaa atattamaa akka barbaadan ibsameeraa.