Xurree ittiin seenan

Breaking News

Arsii Lixaa Keessatti Hiriirtotaa fi Humnoota Federaalaa Gidduutti Wal-dura Dhaabbannaa tu Jira, Jedhu – Jiraattonni. Kongiresiin Federaalawa Oromoos Tarkaanfiin Mootummaan Fudhatu Hammaate, jedha


Mormii Oromiyaa Arsii lixaa
Mormii Oromiyaa Arsii lixaa

Hidhaa ajjechaa fi dararaan Oromiyaa keessatti itti fufee jira, ala itti iyyannuus dhabne jechuun Paartiin Kongrasa Federaalawaa Oromoo iyyatee jira. Angawoonni Itiyoophiyaa sabaa himaa ofii irratti ba’uun gaaffiin uummataa sirriidha, rakkoo bulchiinsa gaariitu jira jechaa gama kaaniin immoo tarkaanfii Oromiyaa keessatti fudhatan hammeessan jedha paartiin kun.Gama kaaniin Magaala Amboo keessa ka jiru Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Awaaroo keessatti barattoonni baadiyyaa irraa dhufan seenanii barachuuf deemanii akka hin senne dhorkanu barattonni ibsanii jiru.

Angawoonni barattoota maatiin isaanii mootummaaf hojjatan addatti waamanii ijoollee keessan mana barnootaatti ergaa, yoo kana gootan barattonni baadiyyaas dhufanii barnoota itti fufuu waan jedhaniif ijoollee ofii ergan kan jedhan baratonni garuu baadiyyaa irraa kanneen dhufan seenuuf yeroo yaalaniitti “ isintu nagaa jeeqa” jechuun Gaaza himiimaansu itti darbachuun reebanii hedduu hidhan jedhu.

Gama biraatiin, Godinaa Arsii Lixaa, anaa Shaashemannee, ganda baadiyyaa Abaaroo keessatti uummata Har’a ganama irraa ka’ee hiriira bahee fi humnoota mootummaa federaalaa hiriiricha dhaamsuuf bobba’an gidduutti wal-dura dhaadbbannaan uumamuu fi hiriirtonni heddumminaan ba’an of irraa ittisuu danda’uu isaanii dubbatu, jiraattonni gandichaa. Uummatni heddumminaan yaa’ee karaa itti cufuu isaa irraa kan ka’e, humna dabalataa waammatanii ennaa yaalan uummatatti seenuu hin dandeenye. Kanaaf, loltoota konkolaataan fidanii naannawa sanatti naqanii akka isaan miillaan gara ummataatti seenu gochuu yaalaa jiru, jedhu jiraattonni.

Ka guyyota dabraniif mormiin hedduun keessatti geggeessamaa ture – magaalaan Ajjee fi Shaashemannee Har’a gab jedhanii oolan iyyuu, namoonni Ajjee irraa hidhamanis tahe gaaratti dheessan hin deebine, jedhu – jiraataan aanaa Shaashemannee. Kofalee keessatti barsiisaan tokko, barataan tokkoo fi namoonni ka biroon ajjeesamuu illee dubbatan. Yeroo ammaa, waraanni mormii uummataa yaadda’uudhaan, Kuyyeeraa fi baadiyyaalee karaan isaanii hin cufamiitti bobba’ee akka jiru dubbatu.

Dubbi-himaan Mootummaa, Obbo Getaachoo Raddaa gaaffii fi deebii dheengadda Miidiyaa Mootummaa Itiyoophiyaaf kennaniin, mormiin naannawa Shaashemannee ka duraanii irraa adda ta’uu dubbatanii jira. “Humna akka jabaatti hidhate tu humnoota nageenyaa haala naannichaa tasgabbeessuuf bobba’an hedduu ajjeese. Qabeenyaalee misoomaa mootummaa irra illee miidhaa geessise” – jedhanii, haalli isaa akka to’atamee jiru dubbatanii turan.

Gabaasa sagalee armaan gaditti dhageeffadha.
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:50 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG