Xurree ittiin seenan

Breaking News

Awwaanisii gaafa didiqqaa kanaan lafa fedhuu fi waan nyaatu suufa, kanumaan wayi dhagaha kanumatti gara innii deemullee akka GPS agarsiisa


FILE PHOTO: A desert locust feeds on crops in Laghouat, Algeria, July 29, 2004. Picture taken July 29, 2004. REUTERS/Louafi Larbi/File Photo

Awwaan nyaatu barbaada Oromiya irra maruutti jiru kaan amma godina 4 keessa jiraa Harargeetti yaahuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:18 0:00

Awwaanisii sanyii korophuuti.Gaafa ganna 10n duratti Itoophiyaa haga ammaa kana guddaati.

Bara 2019 fi 2020 marroo lama Itoophiyaa dhufe.Soomalii Laandii akakna gadi yaahuutti jira.Lafa oowwichoo akkasii jaalataa achi keesatti horallee.

Akka Derejee Hirphaa Daarekterii Daarekteroora Tohannoo fi Eegumsa Biqiltuu jedhetti awwaanisii lafa oowwichoo digrii seentigireddii 15-40 jaalata.

Awwaanisii waan nyaatu barbaada yaa'u Oromiyaa godina afur keessatti himan. Kun ka Booranaati
Awwaanisii waan nyaatu barbaada yaa'u Oromiyaa godina afur keessatti himan. Kun ka Booranaati

Amala Awwaanisaa

  • Gaafa lamaan sun akka GPS karaa agarsiisa, waan nyaatuun suufaa,akka ilaa wayiin arga
  • Awwaanisii gara qilleensii yaahu gula yaa’a, akka ilaa ittiin arga jedhan.
  • Ganama lafaa kahuu hin dandahu
  • Cirracha oowwaa keesatti hora

Yoo gama laalan awwaara ykn bokkaa gannaa fakkaata.Duulii awwaanisaa marroo lammeessoo kun Muddee keessa Baalee,Raayituu irraa dhufe.

Amma Baale,Boorana fi Gujii lamaan jiraa Harargeetti yaahuutti jira.Midhaan balleessa jedhanii sodaatan.

Ummatii qorqooroo itti dhaanee,qawween hadhee, firimbii itti afuufee ufi irraa hadhuutti jira.

Mootummaan ammoo kemikaala makiinaa irraa, duddatti baatanii,xuyyuura irraa itti afuufaniin biyya irraa dhowwuutti jira jedha.

Haga ammaatti aanalee Oromiyaa 30 caala keesastti argan.Baalee,aanaa 14, Boorana aanaa 7, Gujii lamaan aanaa 9.

Fulaa hedduutti ammoo nama leenjisanii ufi hadhuuf kurfoo jiran.

Baalee gama Lixaatti namii midhaan galfachuutti jira.Lafa akka Ginniir, Gooroo, Gololcha faatti midhaan haga tokko yaayyuu miidhe.

Boorana aanaa Taltalleetti ammoo midhaan haga tokko ya miidhe.Awwaanisii lafa cirracha ta akka Dirree Dawaa fi SomaaleeLaandi keessatti horuu fedha.

Ka ammaa baddaa Booranaa keessa mumullatu kun ka karaa bade dhufe malee baddaan hin fedhu.

Ganama haga saatii lamaatti lafaa kahuu hin dandahu.Muka irraa bulee lafatti gadi bu’ee biyyee keesatti nafa oowwifata.Malii amma ittin jiran fuluma innii bulu sunitti kemikaaliin fixuu.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG