Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ba’iin Filannoo Jarmanii Eegamaa Jira


Filannoo paarlaamaa Jarmaniif sagaleen kennamee kan dursaa akka agarsisuutti, paartii sooshaal Deemookraat jedhamu harka caaluun injifataa jira.paartileen adda addaas eenyuutu bakka chaansilar Angeelaa Markal bu’a? jechuun wal dorgomaa jiran.

Paartiin sooshaal Demookraat Dilbata kaleessaa sagalee 100 keessaa harka 25.7 kan argatee yoo ta’u paartiin Chaansilar Angeelaa Merkal kan Kristiyaan Demokraatiik Yuniiyan jedhamu sagalee harka 24.1 argachuun itti aanaan.

Merkal waggoota 16f aangoo irra turanii eega gadhiifnaan booda, angawoonni paartii soshaal deemookraat, nutuu biyya Awuuroopaa keessatti dinagdee guddaa qabdu Jarmanii hoggana jechuun dorgomaa jiran.

Waggaan kun ituu hin xumuuramiin dura, mootummaa haaraa kan wal taatootaa dhaabuufiis paartilee xixxiqqaa akka qunnamuuf jiran ibsan.

Chaansilar Merkal hanga namnii isaa bakka bu’u argamuutti yeroof hojii mootummaa gaggeessuu itti fufuu.

XS
SM
MD
LG