Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baatilee Darban Sadiif Kokoolaataan Gargaarsaa Nyaataa Fe’an Tigraay Hin Seenne: Angawaa 


Faayilii - konkolaattota Sagantaa Nyaata Addunyaa, Waxabajjii 26, 2021
Faayilii - konkolaattota Sagantaa Nyaata Addunyaa, Waxabajjii 26, 2021

Waajirri hariiroo alaa kan bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti hoggana sadarkaa olaanaa waajirichaa kan ta’an profeesar Kindaayaa Gabra Hiwoot akka jedhanti baatilee darban saddeetti keessatti kokolaataan gargaarsa fe’an 24,000 Tigraay seenuu ituu qabanii haga ammaatti kan seenee 1339 qofa jedhan.

Nyaata dawaalee fi gargaarsa adda addaa kan fe’an kokoolaataan 100 guyyaa guyyaan Tigraay seenuu akka qaban dhaabbattonni Tokkummaa Mootummootaa ibsaa turan.Garu mootummaan Fedeeraalaa akka uummanni Tigraay gargaarsa nyaataa hin arganneef danquun baatilee darban saddeet keessatti gargaarsa 100 keessaa harka 6 qofa Tigraay seensisee jedhan profeesar Kindaayaan.

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) beekaa gargaarsii Tigraay akka hin seenne gochuuf gama Afaariin duula waraanaa banaa himata jedhuuf deebii kan kennan preeofeesar Kindaayaan karaan itti Tigraay seenan 15tu jira.Ofumaa karaa is agama Afaar irratti fulleeffatu jedhan.

kokolaataan gargaarsa fe’anii Tigraayti ergamana hin deebi’an akkasumas tajaajiila looltotaaf ooluu gaaffii jedhuufis, walii galtee abbotii kokolaataa waliin tolfame ilaallata malee Tigraayiin hin ilaallatu jedhanii kokolaataan gargaarsa fe’anii Tigraay seenan boba’aa ittiin Tigraay dhaqqaban malee isa ittiin deebi’an hin kennamuuf jedhu.

shoofeeronni kokolaataa kana oofan irra hedduun dhalattoota Tigraay waan ta’anif jecha iddoo biraa deemanii hojjachuun rakkoo itti fida jedhan. Hawaasnii addunyaarakkoo nyaataa Tigraay keessaa hubatee mootummaan Finfinnee jiru irratti dhiibbaa akka godhu gaafatamee jira jechuun Mulugeetaa Atsbahaa Maqalee Irraa gabaasee jir.

XS
SM
MD
LG