Haala Itiyoophiyaa keessaa irratti labsiin yeroo hatattamaa akka bahuu fi hojii irra oolfamu kanneen taasisan keessaa tokko – humnoonni biyyoota alaa jeeqama biyyattii keessatti qooda qabaachuu isaanii ti – jedhan – aangawoonni Mootummaa Itiyoophiyaa. Biyyoota maqaa dhahan keessaa tokko Masrii yoo tahu, kana ilaalchisuudhaanis Vidiyoo “ragaa dha” jedhan, televiiziyoona mootummaan agarsiisaa jiran. Prezidaantiin Masrii, Adul-Fettah Alsiisii garuu, mormii Itityoophiyaa keessatti geggeessamaa jiruu keessaa biyyi isaanii akka harka hin qabnee fi dhaabota mormituu Itiyoophiyaa kamiif iyyuu akka gargaarsa hin kenniin dubbatanii jiran.
Masriin, Gareelee fi Namoonni Mootummaan Itoophiyaa Himate, Himannaa Sun Keessaa harka Hin Qabnu jedhu
- Jaallannee Gammadaa
WASHINGTON, DC —