Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Awal Aloo: Labsiin Yeroo Hatattamaa Mootummaa Itiyoophiyaa Uummata Mormii Irra Turee Biratti Waan Haaraa Miti


Dr. Awal Aloo
Dr. Awal Aloo

Kan itiyoophiyaa keessatti labsamee jiru – labsii yeroo hatattamaa kan ittiin hojii irra olochamu yokaan raaw’achiisamu – qajeelfamni ba’ee eega dheengaddaa Maddeen Oduu Mootummaa fi ka biroodhaan tamsaasamaa jira. Labsicha raawwachiisuufis wixinee tumame irratti manni mare ministirootaa Jimaata dabre mari’atee raggaasise.

Koomaand poostiin labsicha raaw’achiisuuf hundaa’es hojii jalqabuu isaa, maddeen oduu mootummaa beeksisanii jiran.

Sakreetaariyaatiin koomaand poostichaa fi ministarri Ittisaa Itiyoophiyaa - obbo Siiraach Fageessaa – qajeelfamoota hojii-irra oolfama yokaan raawwii labsichaa akka ibsanitti, kanneen labsichaan dhorkaman:

• Bakka hundatti kakaasiiwwan jeequmsa uumuu danda’an gaggeessuu,
• Dhaabbilee shororkeessaa waliin qunnamtii kamuu uumuu, ergaa dabarsuu, miidiyaalee isaanii - OMN, ISAT fi ka biroo caqasuu
• Hiriira ba’uu,
• Tajaajila hawaasummaa laachuu dhabuu/cufuu,
• Dhaabota barnootaarratti qoqqobbii kamuu uumuuf yaaluu,
• Iddoowwan oolmaa fi ispoortiitti kakaa’umsa kamuu gaggeessuu,
• Bu’uuraalee misoomaa fi dhaabota hawaasummaarratti balaa qaqqabsiisuu,
• Ayyaana hawaasummaa fi biyyoolessaa jeequu,
• Ayyaana hawaasaa/aadaa fi amantaarratti kakaasii gaggeessuu,
• Uffannaa/hucuuwwan dhoorkamanitti fayyadamu yokaan uffachuu,
• Meeshaa waraanaa eeyyama qabanis iddoowwan adda ba’ii ummataatti qabatanii argamuu,
• Iddoo dhoorkaatti argamuu,
• Diippiloomaatonni beekamtii mootummaan ala kiilo meetira 40 jiddu galeessarraa fagaatanii deemuu

· Qaamonni nagaa-eegsisan, hidhadnnoo isaanii qaama sadaffaatti dabarsanii kennuu, haala driqsiisaa malee hojii gad-lakkisuu fi ehama fudhachuu

• Toora dhaabota ga’uun dhoorkametti argamuu; hojjettootan ala akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti ganama sa’aa 12:00 – galgala sa’aa 12:00n ala argamuu fi kanneen biroo dha.

Ka biyya Briteen Jiru – Yunivarsitii Kiilitti, lekchererii yokaan barsiisaa seeraa ka tahe – Dr. Awal Aloo, labsiin yeroo hatattamaa kun uummata Oromoo fi ka biroo mormii irra turan biratti waan hagana haarawa miti. Labsii itti hin baasiin malee mootummaan duraanii tarkaanfii isaa fudhataa ture. Amma tarkaanfiidhuma fudhataa ture sana seeraan labse, jedha.

Guutummaa qophichaa kana cuqaasaa tii dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG