Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mana Hidhaa Magaalaa Baatuu Keessatti Gubatee fi Ajjechaa Godinaa Arsii Bahaa Magaalaa Bulchaanoo


Faayilii - Karaa konkolaataa mormitoonni dhakaa itti guuran, Arsii, Oromiyaa
Faayilii - Karaa konkolaataa mormitoonni dhakaa itti guuran, Arsii, Oromiyaa

Dilbata darbe manni Hidhaa magaalaa Baatuu gubachuu isaa jiraattonni kan dubbatan ta’us haga har’atti akkamitti akka gubatee fii miidhaan hidhamtootaa fi qabeenya irra gahe hin ibsamiin jira jedhu jiraattonni.Kanneen hidhaa keessa jiran kanneen du’anis ta’e lubbuun hafan ituu hin baramiin hafuu isaa irraa kan ka’e maatiiwwan hedduun baadiyyaa irraa achi yaa’uun magaalaa Baatuu keessatti rakkataa kan jiran ta’u ibsan.Mana hidhaa sanatti dhiyaachuun dhorkaa ta’u isaa fi muddamsii magaalatti keessa jiraachuu dubbatu. Bulchiinsii hospitaala Baatuu namni balaa ibbiddaan midhamee fidamee hin jiru. Garuu, namni tokko rasaasaan dhahamee fidamee jira jedhan.

Gama kaaniin Dilbata darbe Godiina Arsii Bahaa aanaa Digiluu fi Xijjoo magaalaa Bulchaanoo keessatti hiriirri mormii gaggeeffame waraana mootummaan diigamuu isaa fi ijoollee lubbuu oolfachuuf mana namaa seentee karra waan cufataniif akkasumas, warri mana sanaa - abbaan manaa fi haatii warraa erga deesse guyyaa shan taate ijoollee sana dabarsanii kennuu diddan jedhamuun ajjeefaman – jedhu - jiraattonni.

Dilbatuma sana namni ka biraan sadaffaan ajjefamuu fi sirni awwaalcha jarreen lameenii kaleessa yeroo gaggeeffameettis dargaggeessa loon tiksu tokko dhuka’aa baata jechuun ajjeesuu isaanii jiraattonni dubbatanii jiru. Bulchaan aanaa garuu, Dilbata darbe kanneen seeraan ala qabeenyaa barbadeessuu irratti bobba’an to’achuuf sochiin akka ture ibsuun namni jedhame ajjefamuu mala garuu, nuuf hin gabaafamne jedhan.

Gabaasaa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG