Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abba Murtii Tashaalee Abarraa: Waa Haaraan Labsuu Isaanii Qofa, Oromiyaan waraanaan Buluu Eega Jalqabdee Tureera 


Abba Murtii Tashaalee Abarraa
Abba Murtii Tashaalee Abarraa

Heerrii mootummaa Itiyoophiyaa keeyyati 93 akka jedhutti labsiin yeroo hatattamaa kan barbaachisu weerarri biyya alaa yoo jiraate, weerarri dhukkubaa yoo jiraatee fi sirna heera irratti ijaarame haalli balaa irra buusu yoo jiraate ta’u kan dur prezidaantii mana murtii waliigalaa Oromiyaa turan Obbo Tashaalee Abarraa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiru.Kanas kan labsu mana maree ministeeroota Federaalaa ta’u eeran, Obbo Tashaaleen.Haala qabatamaa Itiyoophiyaa keessaa yoo ilaalle garuu, yaaddoon labsii kana baasisuu hin jiru, jedhu

Labsii kana mirga dhala namaa cabsuu fi mirga yaada ofii ibsachuu cufuuf, uummati quuqqaa isaa akka hin dhageessiifanne ukkaamsuuf itti gargaaramu jedhan. Hundumaa caalaa immo labsiin kun waan haaraa miti, Oromiyaa keessatti hojii irra eega oolee bubbuleera, jedhan. Nama fedha ajjesuu, ajaja mana murtiin ala hidhuu, achi-butee dhabamsisuu, mana namaa sakatta’uu, nama qabanii seera duratti ituu hin dhiyeessiin tursuun waanuma ammaan dura baratame waan ta’eef waan haaraan jiru ifatti labsuu qofa, jedhu. Akka Labsii kanaatti bulchinsii harka waraanaa seenuu isaa illee dubbatu.

Gabaasaa Guutuu kana Cuqaasuun Dhaggeffadhaa

XS
SM
MD
LG