Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Kibba Lixaa Shawaa Aanaa Sooddoo Daaccii Keessatti Namoonni Hedduun Ajjeesamuu tu Himame


Godinaa Shawaa Bahaa, Aanaa Sooddoo Daaccii Keessatti Namoonni Hedduun Ajjeesamuu tu Himame. (Suuraa faayilii)
Godinaa Shawaa Bahaa, Aanaa Sooddoo Daaccii Keessatti Namoonni Hedduun Ajjeesamuu tu Himame. (Suuraa faayilii)

Godinaa Kibba Lixaa Shawaa, aanaa Sooddoo Daaccii keessatti, Jimaata, Onkoloolessa toorba gara galgalaa, uummata aanattii walitti-qabamee hiriiruudhaan gara magaalaa aanattitti qajeele, humni waraanaa mootummaa lagatti riphee eeggachuudhaan dhukaase itti banee, namoota hedduu galaafate, jedhu – jiraattonni.

Jiraattonni aanaa sanaa fi hiriirichatti hirmaatan akka jedhanitti, namoota kudha-sadii tu dhukaasa kanaan ajjeesame. Ka madaa’ee amma lubbuun jiru tokko qofa.

Nammni hiriira sana biran ture jedhu tokko akka ibsutti, hiriirtonni sun maanguddaa waggaa toorbaatamaa oliitiin dursaman. Hidhannoollee hin qaban. Otuu hiriirtonni sun magaalaa Tarree hin ga’iin, loltoonni federaalaa lafa irra ciciisanii qophaawanii eeggataa turan dhukaasa itti roobsan . Dura maanguddoo sanatti haleelamee du’e. Namoota hidhannoo hin qabne tu dhukaasichaan dhume.

“Har’a immoo, loltoota federaalaa tu konkolaataa afuriin aanattiitti bobba’ee oole” jedhu, jiraattonni.

Bulchaan aanichaa, Obbo Baacaa Koobalee Beenyaatti bilbille iyyuu, otuu deebii nuuf hin kenniin bilbila isaanii cufan. Deddeebisnee bilbille iyyuu achii booda hin kaasne. Gandeen namoonni irraa dhuman, jedhaman keessaa tokko ka taate – ganda Burquqqee Roobaleef bulchaa ka ta’an, Obbo Naqquu Taaddelee immoo, “ani ija kiyyaan hin agarre. Ragaa ta’uu hin danda’u” jedhanii, garuu aanaan sun jeeqama keessa turuu ishee, ofii lubbuu isaanii fi maatii isaaniif sodaatanii naannawa mana ofiitti murtaa’uu isaanii dubbatan. Namoonni jedhaman gaafa Fulbaana toorbaa du’uu isaanii fi gaafa Fulubaana 28 fi 29 awwaalamuu isaanii akka odeeffannoo qaban nuuf ibsan. Amma isaan akka ganda isaanii bulchaa hin jirree fi namni bakka isaanii buufame akka hin jirre illee dubbatu.

Gabaasa guutuu kana cuqaasun dhaggeeffadha

XS
SM
MD
LG