Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsiin Yeroo Hatattamaa Itiyoophiyaa Rakkoo Biyyattii Mudate Furuu Caalaa Daranuu Hammeessa Jedhu, Aangawoonni Yunaayitid Isteets


Dubbi-himaan Ministrii Dhimma alaa Yunaayitid Isteets, Joon Kirbii fi Dhimmoota Afrikaatti itti-aanaa ministaraa Yunaayitid Isteets ka duranii, Ambaasaadder Joonii Kaarsen
Dubbi-himaan Ministrii Dhimma alaa Yunaayitid Isteets, Joon Kirbii fi Dhimmoota Afrikaatti itti-aanaa ministaraa Yunaayitid Isteets ka duranii, Ambaasaadder Joonii Kaarsen

Dubbi-himaan Ministrii Dhimma alaa Yunaayitid Isteets, Joon Kirbii fi Dhimmoota Afrikaatti itti-aanaa ministaraa Yunaayitid Isteets ka duran, Ambaasaadder Joonii Kaarsen, haala Itiyoophiyaa ilaalchisuun gaaffii Raadiyoo Sagalee Ameerikaa irraa gaaffii dhihaateef deebii kennaniin, muddamsi biyyattii keessatti dabalaa deemuu isaatti “Yunaayitid Isteets baay’ee yaaddoftee jirti” jedhu.

Prezidaantiin Itiyoophiyaa - Dr. Mulaatuu Tashoomee, Wixata dabre kana jechuun, gaafa Onkoloolessa kudhanii, ibsa paarlaamaa biyyattiif kennan keessatti, komeewwan hiriirtota mormiitiin dhihaatan keessaa haga tokko kannneen akka mirga abbummaa lafaa fi jijjiirraa haala filannoo akka deebii itti kennan dubbachuu isaanii, mootummaan Yunaayitid Isteets ka qalbeeffate ta’uu ka dubbatan – Dubbi-himaan Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Joon Kiribii, “Mootummaan yaadawwan sana akka murtiidhaan hojii irra oolchu jajjabeessina” jedhan.

“Mootummaan Itiyoophiyaa labsii yeroo hatattamaa dhuma trban dabree irra baase sana, keessumaa tarkaanfiilee yeroo hatattamaa, kan akka ajaja mana-murtii malee hidhuu, walabummaa haasaa daangessuu, walga’ii uummataa dhorkuu fi sochii sa’atiin ugguruu akkamitti akka hojii irra oolchuu yaadu akka ifa taasisu jajjabeessina” – jedhu – Dubbi-himaan Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets kun. trkaanfiileen kun keessumaa – sagaleewwan ukkaamsunii fi mirgawwan ugguruun --- bu’aa isaanii irra miidhaan isaan mootummichatti akka caalu dubbatu.

Muddamsi Itoophiyaa Keessatti Dabalaa Deemuu isaatti “Yunaayitid Isteets Baay’ee Yaaddoftee Jirti”
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:51 0:00

“Tarkaanfiileen sun sirna eegsisuuf yaadamanii ka fudhataman yoo tahe illee, sagalee walabaa ukkaamsuunii fi mirgawwan lammiwwan Itiyoophiyaa ugguruun toftaa ofiin of injifachiisuu, kan komeewwan dhihaatan furuu caalaa hammeessu” jedhan – Mr. Kiribiin.

Ka duraan Dhimmoota Afrikaatti Itti-aanaa Ministara Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets turan – Ambaasaadder Joonii Kaarsen illee, dhimmuma labsii yeroo hatattamaa, Mootummaan Itiyooophiyaa waggoota 26 keessatti yeroo duraaf baase kana irratti, Raadiyoo sagalee Ameerikaaf ibsa kennanii jiran.

Itiyoophiyaan Afrikaa keessatti biyya baay’ee barbaachistuu fi biyyoota Afrikaa Uffee Sahaaraa gadii keessatti, Naayijeeriyaatti aantee biyya baay’ina uummataatiin sadarkaa lammataa irra jirtu – akkasumas, waggoota kurnan dabran kana keessa, biyya gama dinagdeetiin guddina jabaa agarsiistee fi gama naga-eegumsaan waahila gaarii Yunaayitid Isteets ta’uu ishee kan dubbatan – Ambaasaaddar Joonii Kaarsen, “Tasgabbii-dhabinsi dhiheenya kanaa keessumaa naannawa Finfinnee fi naannoolee Oromoo keessatti uumame kan nama rifaasisuu fi nama yaaddessu. Mootummaan labsii yeroo hatattamaa baasuun isaas, mootummichi waa’ee nagaa-dhabinsa dabalaa deeme to’achuu irratti yaaddoo qabaachuu isaa ifatti calaqqisa.” – jedhan.

Itti-fuudhaanis, humnoonni Itiyoophiyaa keessatti ilaalcha argachuu qaban akka ifatti mul’atan ka dubbatan – Dhimmoota Afrikaatti, Itti-aanaan Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets duraanii kun, “biyyattiin dimookiraasumaa ishee bal’isuu fi eegumsa mirga dhala-namaa fooyyessuun gara fuul-duraatti tarkaanfachuu qabdi” – jedhan.

“Dimookiraasummaa fi eegumsa mirga dhala-namaa babal’isuu itti fufuunnii fi gurmuulee siyaasaaf iddoo kennuun barbaachisaa dha. Dhimmoonni kun akkaataa bu’a-qabeessa ta’een hojii irra hin oolfaman taanaan, bu’aalee karaa dinagdee fi hawaasummaa biyyattiin argatte miidhuuf jira – jedhun” jechuun hubachiisan – Ambaasaadder Kaarsen.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG