Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoota: Waraanni Jabuutii  Moraa Baqataa Alii Addee keessatti Haleellaa Nu Irratti Bane


Faayilii - Baqattoota mooraa baqatootaa guddicha biyya Farasaayi ture han dhihoo cufame 'The Jungle' keessa jiraachaa turan
Faayilii - Baqattoota mooraa baqatootaa guddicha biyya Farasaayi ture han dhihoo cufame 'The Jungle' keessa jiraachaa turan

Baqattoota Oromoo kanneen Jabutii mooraa Alii Addee keessa jiraatan waraanni biyyatti waamamee dhufee haleellaa nu irratti bane jedhu. Baqattoonni shan haleellaa irratti rawwatameen haala lubbuuf sodaachisu keessa akka jiran dubbatu. Dubartiin ulfi irraa ba’e maanguddoon sammuun rukutamee fi kannen biroon jiraachuu kan ibsan baqattonni kun kanneen rasaasaan haleelaman keessaa lama gara hospitaala Jabuutitti geeffaman jedhu.

Kanneen hafan immoo kilinikii mooraa baqataa sana keessa jiruutti gargaaranii deeman jedhan jedhu. Maddii rakkina kanaa lammiwwan Jabuutii baqataa of-fakkesuun galmaa’uu isaanii fi baqattonni kana mormuun mooraa keessaa nu baasaa jechuun gaafannaan waraana nu irratti waaman jedhu. Itti gaafatamtoota mooraa baqataa argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.

Gabaasa guutuu dhaggeeffachuuf kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG