Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Hawaasa Oromoo fi Lammiwwan Itiyoophiyaa Ka Biroo Biyya Deenmark, Magaalaa Koppen-Haagen Keessatti Geggeessame

Hawaasni Oromoo biyya Denmaark, Hawaasaa Ogaadenii fi Hawaasa lammiwwan Itiyoophiyaa ka biroo waliin ta’uudhaan, har’a magaalaa Copen-Haagen keessatti hiriira bahee jira. Paartiin taayitaa motummaa Itiyoophiyaa harkaa qabuu fi waggoota digdamii-shaniif aangootti cichee jiru – bulchiinsa naannoo Oromiyaa, bulchiinsa naannoo Amhaaraa fi naannoolee ka biroo keessatti uummata karaa nagaa mirga ofii gaafachuuf ba’e irratti dhiittaa mirga dhala-namaa geggeessaa jiru, balaaleffanna, jedhan hiriirtonni.

Hiriirichi walakkeessa magaalaa Kooppen-haangen irraa jalqabee gara mana-maree yokaan paarlaamaa Denmaarkii fi Ministrii dhimma-laaa biyyattiitti hiriiruu isaa dubbatu – hoogganaan hawaasa Oromoo Deenmark. Miseensota paarlaamaa Deenmaark keessaa tokko, hiriira sana irratti argammuudhaan gaaffii hiriirtotaaf deebii gama isaanii kennuu isaanii illee dubbatanii jiran. Mormii hiriirtonni dhageessisan kanaaf deebii mootummaa Itiyoophiyaa argachuuf carraaqqiin haga ammaatti goone hin milkoofne.

Kana Cuqaasuun qophii guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG