Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Itiyoopiyaa Ministeerota Kaabinee Haaraa Muudan


Muummichi Ministeeraa Itiyoopiyaa Ministeerota Kaabinee Haaraa Muudan
Muummichi Ministeeraa Itiyoopiyaa Ministeerota Kaabinee Haaraa Muudan

Muummichi minsteeraa Itiyoopiyaa Haayila Maariyaam Dassaaleny taayitaalee 21 kan of keessaa qabu taayitaatti muuduu fi kaasuu kaabinee har’a ifa taasisanii jiru.

Akkuma Kanaan Dr. Warqineeh Gabayyoo minitrii haajaa alaa ta’anii muudamaniiru.

Kaabinee Itiyoopiyaa miseensota 30 qabu keessaa itti aanaa isaanii obbo Demmeqee dabalatee salgan isaanii taayitaa dhuma qabaniin kan itti fufan ta’uu muummichi ministeerichaa ibsaniiru.

Kanneen hafan immoo waajjira Ka biroo keessatti taayitaa addaatiin muudamaniiru ykn itti gaafatama qaban irraa kaafamaniiru.

Kanneen haaraa muudaman jedhan muummichi ministeerichaa dandeettii fi beekumsa kanneen qaban.

IHADEG jalqaba waggaa haaraa irratti tarkaanfiwwan jijjiiramaa ni fudhatamu jedhe keessaa inni kun tokko. Ramaddii namootaa sirreessuu ykn taayitaatti muuduu fi kaasuu kaabinee. Muummichi ministeerichaa kanneen haaraa muudaman 21 mana maree bakka bu’oota uummataatti dhiyeessanii raaggaasisaniiru.

Kan ilaalcha hawate keessaa bakka taayitaa ministrii haajaa alaa ti.

Minitrii geejjibaa kan turan Dr. Warqinee Gabayyoo ti. mootummaa federaalaa keessaa taayitaa miistrummaa ijoo jedhamu kan ministrii dhimma alaa kan qabatan.

Dr. Worqineen itti aanaa dura taa’aa OPDO ta’anii ennaa filataman mootummaa federaalaa keessattis taayitaa ol aanaaf yaadamaniiru. Taayitaa ministrii dhimma alaa kan eege garuu hin turre.

Waggoota 25 IHADEG aangoo irra turetti Dr. Warqineen ministrii dhimma alaa 3ffaa ta’uu isaanii ti.

Taayitaa isaanii kan ifa godhan muummichi ministeeraa Hyila Maariyaam muuxannoo hojii Dr. Warqinee ibsaniiru.

keessaa degeree isaanii doktorummaa immoo Yuniversitii Afriikaa kibbaa irraa saayinsii imaammataan argataniiru.

Gabaasa sagalee kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG